2 Nami aka lafa ufi ballifatu d'akha seera guura; ree biyyaa hatani ta ufiiti naqatani.
Worri gosa Seeba d'ufe, tassa nu had'e, hori nuraa fud'ate, ana male hojattu tante ch'ufa fit'e. Nami fiige ka oduuni si d'ufe anuma ch'alla.
Ato inni tae dubbatu, nami d'ibiini qonqooni d'ufe waan jed'e, worri gosa Kaldayo, ka duuli worraa fulla sadi yau, d'ufe nu had'e, gaala ch'ufa fud'ate, ana male hojattu tante ch'ufa fit'e. Nami fiige ka oduuni si d'ufe anuma ch'alla.
wonti akanatiifi inni hiyyeesa dabse hiyyoomse, ammalle mana nami d'ibiini jaaratele saame.
Yo anini lafa qotad'u hate, irreeni abba isii iraa fuud'e,
Nami beela qabu mid'aani daalle nyaata mid'aani qoraati keesati baheele nami d'eebu qabuleeni horifi isa d'iibifata.
Seera lafa, ka ababooti teesani duri mid'aasite, indiigini.
Seera lafaa ka duri jaaroleeni mid'aasite indiigini, yokhaani oobru hiyyeesale ira infud'atini.
AABBO Waaqi waan jed'u, Waan jaaroleeni gosa Yuda worra Israeli haate lafa iraa fud'ateefi, anini ya dallane, tanaafi anini dallansu tiyya aka lolaa worrati fach'aasa.
Daari lafa nama d'ibi, ta qara duri jaaroleeni mid'aasite, lafa AABBO Waaqi keesani isanii kennu keesati, imballeesina.
Waaqi nama daari lafa biyya balleesu ha abaaruti. Duuba gumiini ch'ufti ha Amini! jettu.