29 Waaqi nama ufi guddisu diqeese, nama ufi diqeesu baasa.
Inni nama d'uga qabu qorqorate, fulla hayyooti teetu teesise, haga jiru jireenna ulfinna kennaafi.
Ka nama irre inqamne olfuud'e nama bohu gammachiisu Waaquma.
Ato atini gubba olfago jiraatele atini hiyyeesa qorqorate, kiyyibaleeni dandae si dura ind'okhatu.
Kiyyibi si balleesa, ammo yo atini kiyyibu baate gurra dansa argata.
Anini Waaqa gudda, qulqullo, haga jirule tau. Anini gubba fulla qulqullo taa, ammo nama ch'ubbu iraa deebie ufi diqeesule woliini taa, aka akasiini garaa worraa jabeese abdi kennuufi.
Nami lafafi gubba uume anumaniti? Nami anini iraa gammadu, nama ufi diqeese ch'ubbu lakise, na sodaate naa saalfatu.
Nama ufi guddisu indiqeesani, ammo nama ufi diqeesu inguddisani.
Hayyoota barch'uma guddinna iraa kaase hiyyeeyi ira teteesise,
Wonti akanatiifi nami ufi guddisu ch'ufti indiqaata, ammo nama ufi diqeesu inguddisani.
Ammo eebiti Waaqi namaa kennu hagasi ira jabdu. Wonti akanatiifi t'aafiini waan jettu, Waaqi nama ufi guddisu dide, ka ufi diqeesu eebisa.
Akasuma isani kaimi, jaarole saalfachu maltani. Nami ch'ufti ha ufi diqeese woli hojatu; wonti akanatiifi Waaqi worra ufi guddisuuni morka, ammo ka ufi diqeesu ineebisa.