12 Waaqi achi olfago injiru? Urjile, ato isiini olfago jiraatte, ufi jalati ilaalu?
Waan Waaqa ka d'ossani, dandeete keesa imbeeta? Atini dandeete guddinnaafi jabeenna Waaqaa muumme inhubata?
Wonti sunini muumme inqabdu, gubbale ira olfago. Atini maani dandeete taata re? Ammo Waaqi fulla ekheraa imbeekha, ammo atini imbeetu.
Gubba millad'i, aka dumansi olfago ilaali!
Gubbaani ta AABBO Waaqa ch'alla, ammo inni lafa yayu namaa kenne.
Waaqi keenna gubba jira; inni waan fed'u tolcha.
Hojja Mana Waaqati kad'achu d'at'u ufi eegad'i; yo wo baracha Mana Waaqa d'at'e ira sii jirti, fulla atini aka worra daalle, ka d'araafi d'uga gargari imbeenne, sorio baaftu.
Hubatte male indubbatiini, ammalle herega male, Waaqaa wo tolcha injed'ini. Inni gubba jira, atini lafa jirta, tanaafi waan jechu malte male, dubbi ind'eerisiini.
Anini Waaqa gudda, qulqullo, haga jirule tau. Anini gubba fulla qulqullo taa, ammo nama ch'ubbu iraa deebie ufi diqeesule woliini taa, aka akasiini garaa worraa jabeese abdi kennuufi.
AABBO Waaqi waan jed'u, gubbaani barch'uma kiyya, lafti fulla anini miila d'ad'abad'u. Mani isani naa jaartani me re? Fullaani anini hafuura iti baafad'u eesa taati?