Anumati ila tiyyaani isa arga, nama d'ibiiniti. Waan isani, Nu akamiini isa gaargalchiine jettanifi garaani na laafe. Isani waan naani haalattani barbaadani.
Ato sila aka inni akasi tolchu beekhe olch'ech'e gammada, ato guddo d'ukubsachu jiraad'ele. Anini imbeekha Waaqi qulqullo, anileeni taka dubbi isatini imorkine.
Ilti ya bohaani na luluqaate, garaani kiyyaleni ya aka male gaargale, ammalle waan gosa tiyya balleesanifi laalalti ya garaa na yakite. Ijoolleefi daimi didiqaleeni gagagabe kara dira keesati jijige.
Inni aka nyaapa keenna t'iya nuti qabe, nama keenna ka nu jaalanne d'aabbanne ch'ufa fit'e. Arma Yerusalemu keesaleti dallansuni isaa ta aka ibida boobetu nu d'aqabde.
AABBO Waaqi nama akana kana inaraaramu ammo dallane aka ibida iti bobae, abaarsi kitaaba kana keesati t'aafani ch'ufti isa ira deebie, AABBO Waaqi maqa isaa lafa gubba balleesa.