23 Allaatileni aka reefa isaa nyaatu teete eegatti. Inni imbeekha, aka guyyaani dukana isati d'ufu.
Yo atini lafa qotatte, lafti deebite woma sii imbaaftu; worra d'abde seseega taate lafa marta.
Inni aka dukana duraa bahu inheregatu, wonti akanatiifi goraadeti isa eegata.
Gaargalafi laalalati isa mudamsise, aka hayyu lola kurfefate isa dabsata.
innileeni dukana duraa imbahu. Inni mukha gubate, ka ibidi dameele gube qilleensi obeensa isaa fuud'e fakaata.
Inni duri dureesa, ammo amma ya wo d'abe; gaargali d'aatu tae isa eegata.
Isa lafa keesaa baasani, ifsa keesa dukanati geesani.
Ilmaani isaa ha lafa marte woi kad'atuti, ona isiini keesati galtule ha keesa gussaniti!
akuma sare sagale funaana yaate hojja d'abdu gururitu.
Ammo anini waan jabeenna keeti sirbe, jaalala tante ta ind'umanne diirama ch'ufa faarsa. Atini fulla anini iti baqad'uufi ta hojja gaargala anini iti d'okhad'u naa taate.
AABBO Waaqi nama d'uga gula deemu beelau d'owa ammo ch'ubbicha waan inni d'araufi ch'ufa ind'owa.
AABBO Waaqi waan mid'aase ch'ufa woumafi mid'aase, ch'ubbichale aka balleesuufi uume.
Nami lubbu bule ch'ufti ha gammadu; ammo ha qaabatuuti, aka guyyaani dua ka dukana hagasi ira d'eera. Wonti tokoleeni ta d'aabatani injirtu.
Nu gara lafa Misiritifi ta Ashuru sagale kad'achu d'anne aka beelaani indoone jiranu.
Algali nama fit'u lafa keesa mara, tanaafi sagale barbaaditini nuu lubbu.
Guyyaani suni gaandidae dukanae, guraatae dumansaa. Duuli awaanisaa dukanae, lafa ira dabre, gaara gubbaa gad'ufuu jira. Wonti kunini waan nami taka inargini, ammalle itumaa deebiani inargani.
Guyyaani AABBO Waaqaa dukananiti? Ifsa wo tahe? Guyyaani suni ingaandidaa male, inifsa?
Guyyaani sunini ka dallansu, ka gaargalafi d'ipu, ka balleesafi badi, ka dukanaafi bolgoda, ka dumansaafi huri,
Wonti nuu hafe, aka waan eegi tana d'ufa sodaannu; qorsumafi ibida gudda, ka worra Waaqa didu balleesu.