8 Wonti sunini muumme inqabdu, gubbale ira olfago. Atini maani dandeete taata re? Ammo Waaqi fulla ekheraa imbeekha, ammo atini imbeetu.
AABBO Waaqa, d'uguma atini lafa ira nama woliini inteeta? Gubbaleeni ato ballo akami tateele si ingeetu, duuba Mani anini jaare kunini akami si gaha?
Guddinni Waaqaa lafa ira ballaa baariile ira d'eera.
Waaqi achi olfago injiru? Urjile, ato isiini olfago jiraatte, ufi jalati ilaalu?
fullaani Ekheraani teetu Waaqa durati imbanamti; wonti tokoleeni ka fulla ekheraa suni Waaqa d'ossa injirtu.
Gubba millad'i, aka dumansi olfago ilaali!
Nu dandeenne Waaqa gudda ind'aqamnu, jabeenna isaa dandeenne iti ind'iaannu; inni nama indabsu, d'uga gula nama qajeelcha.
Nami taka balbala fulla ekheratini d'aqani ya si garsiise? Yokhaani balbala dukana sipe taka agarte?
Akuma dumansi gargari filfilae laanuma baddu, akasuma nami due deebie inkau;
Jaalalti inni nama isa sodaatu jaalatu haguma fageenna lafafi gubbaani wolhanqattu geeti!
Worri kunini ch'ufti ha maqa AABBO Waaqa faarsuti! Wonti akanatiifi maqaani isaa maqa waan ch'ufa ira jira; ammalle guddinni isaa lafafi gubbale ira jira.
D'ugaani tante akuma gaara d'eerati; d'ugaani atini qorte woini murtuleeni haga d'immu baariini gadi fagaati. Namaafi horileeni harkuma kanke keesa jira.
Eenuti taka gara Waaqa d'aqe ga deebie? Eenuti taka bubbe harka ufitini qabe? Eenuti taka woya ufitini bisaani hid'e? Eenuti taka daari lafaa mid'aase? Nama suni maqa isaatiifi ka ilma isa beeta?
Akuma gubbafi lafti gargari fago jirtu, heregaafi karaani kiyyaleeni keesani iraa fago jira.
Ato worri lafa qote fulla Ekhera d'aqele, harki kiyya inuma d'aqaba. Ato gubba gara Waaqa koranile, anini achilee gaduma buusa.