13 Ammo amma tana ya hubad'e aka atini mala nati d'aate, d'ossaani na balleesu feetu.
Atini na gaade daba nara barbaada, aka duuba akasiini naa araaramu diddu.
Inni injijiramu, nami tokoleeni dandae waan inni fed'u imorkuuni.
Inni waan naa herege inguuta; herega suni malele inni herega heddu d'ibi qaba.
Hojja inni mirgaafi bitaleti wo tolche anini isa dandae inargu.
Waaqi Israeli, ka gumi ufi baasu, Waaqa ufi d'ossu.
Anini ifsa mid'aase dukanale uume gaargalaafi nagayale namaatiini d'ufa. Waan kana ch'ufa ana AABBO Waaqa tolcha.
Fed'i AABBO Waaqa ch'allati guyya ch'ufa guutama.
Duroomi Waaqaa waan gudda! Qalbifi hubachaani isaa waan guddo! Eentu waan inni muru beekha? Eentu kara isaa hubata?
Waaqi herega ufi ka hegeri gula waan kana tolche, ka inni Kristo Yeso Aabbo keennaani guute.
Me amma ilaala, Waaqi d'uga ana, ka d'ibiini injiru. Anini ijeese jireesa, madeese fayyisa, nami tokoleeni na indabsatu.