Ato hojattuuni isaa ch'ufti isaa d'aatu ejaanjitu askartini isaa ta isa eeddu worra d'aatu yaate isa dura dabarte. Ammalle askartini nami d'ibba jaa ka Gathi isa gula d'ufteleeni akasuma worra bira dabarte.
Benaiyani ilmi Yehoyada, ka lafa Kabseeli d'ufeleeni nama askarti toko ka guddo gurra qabu; inni waan jannooma heddu tolche, askarti Moabu jajannale nama lama ijeese. Guyya toko, ka lafti aka hama d'aamotu, inni boola toko seene keesati nyeench'a ijeese.