49 nyaapa kiyya jala na baase. Ee AABBO Waaqa, atini nyaapa kiyya na dabsachiifte worra hamama jala na baafta.
Jennaani tissichi lafa Kushi kaanileeni d'ufe waan hayyuuni jed'e, Anini arra odu dansaani si d'ufuu jira, ee hayyicha, AABBO Waaqi arra worra siti gargagale nyaapa siti tahe kaani ya si dabsachiise.
Duuba akanaani Daudini aka AABBO Waaqi hayyu Israeli isa tolche lafa inni fidule maro gumi isaatiifi eebise hubate.
Ee AABBO Waaqa, worra ch'ubbu ka nama ijeesu, naraa d'owi, duraa na baasi.
Ee AABBO Waaqa, harka worra ch'ubbu jalaa na baasi. Worra nama ijeesu, ka na balleesu fed'u, naraa d'owi.
nyaapa kiyya jalaa na baase. Ee AABBO Waaqa, atini nyaapa kiyya na dabsachiifte worra hamama jalaa na baafte.
nuleeni jabeenna keetiini nyaapa keenna dabsanne.
Ee nama jaba, atini maafi jabeenna keetiini koorta? Jaalalti Waaqaa ta jiru jireennaati.
Worri bokaya haga inqamne argate, lafa bisaani quufte keesati mid'aani oobrata. Hayyuuni worraa Agagi ira gudda, lafti inni fidu guddo taati.
Inni hiyyeeyi awara keesaa fuud'e, nama laafa woma inqamne fulla daara iti harani keesaa baasa. Inni worra suni worra gugurda woliini teesise barch'uma guddinna kennaafi, yayabi lafaa ka AABBO Waaqati, inni isii irati waan ch'ufa jaare.