32 AABBO male Waaqi d'ibiini injira? Isa male siida jalati d'okhannu d'ibi inqamna?
Waaqi Israeli dubbate, siidani Israeli waan nani jed'e: Hayyuuni d'ugani lafa fidde seera Waaqa gula deemu,
Atini akami gudda, ee AABBO Waaqa! Nami tokoleeni ka aka keeti injiru; nu yo ch'ufa imbeenna, aka atini ch'allaani Waaqa.
AABBO Waaqi, ka worra Israeli fide qorqoratu, AABBO Waaqi guddaani waan jed'u, Anini ka qarati, ammalle ke eegeti, ana male waaqi d'ibiini tokoleeni injiru.
Insodaatina, imudamina, gumi tiyya. Isani haga duritifi haga arrale aka anini waan taha hime imbeetani? Isanileeni amma d'uga tiyya. Na male Waaqi d'ibiini injira? Waaqi irre qabu d'ibiini, ka anini imbeenne, injira?
Koota, dubbi teesani gaadisati himad'a; nami dubbi qabu ha wolgaafatuti. Eenuti waan taha kana duri fage? Ana AABBO Waaqaniti? Waaqi gumi ufi baase anuma, ka d'ibiini injiru.
Waaqi Yakobo aka worraa injiru; isumati waan ch'ufa uume, ammalle worra Israelile isumati fohate gumi ufi tolfate maqaani isaa AABBO Waaqa gudda.
Nyaapi worraa imbeekha aka waaqi worraa laafa, ammalle waaqi worraa, haga Waaqa Israeli irre inqamne.
Me amma ilaala, Waaqi d'uga ana, ka d'ibiini injiru. Anini ijeese jireesa, madeese fayyisa, nami tokoleeni na indabsatu.
Wonti AABBO Waaqi waan kana ch'ufa isani garsiisefi, aka, isa male, waaqi d'ibiini injirre, isani garsiisa.
Nami tokoleeni ka aka AABBO Waaqa qulqullo injiru; isa male tokoleeni ka nama jabeese qorqoratu injiru.