Biblia Todo Logo
အွန်လိုင်း သမ္မာကျမ်းစာ

- ကြော်ငြာတွေ -




2 Samueli 22:3 - KITAABA WAAQA

3 Waaqi kiyya siida kiyya ka anini jalati d'eed'u. Inni wonte tiyya, na qorqorate na baasa, inni baafama kiyya, na qorqorate harka nama hama jala na baasa.

အခန်းကိုကြည့်ပါ။ ကော်ပီ




2 Samueli 22:3
52 ပူးပေါင်းရင်းမြစ်များ  

Eegi suni Abramuuni qonqo AABBO Waaqa ta daayya keesa iti d'ufte d'agaye. Qonqooni suni waan jette, Abramu, insodaatini, anini wonte sii tahe waan guddo sii tolcha.


Waaqa kana karaani isaa akami qajeela, dubbi isaa akami d'ugefachu malani, inni nama isati d'iaatu wonte tahafi!


AABBOONI Waaqa jiru! Siida kiyya ha faarsani! Waaqa jaba ka na baasu guddinna isaa odeesa.


nyaapa kiyya jala na baase. Ee AABBO Waaqa, atini nyaapa kiyya na dabsachiifte worra hamama jala na baafta.


Waaqi dabsacha guddo hayyu isaati kenna, ammalle nama fohate muude haga jiru ch'ufa jaalata, Daudifi d'aloota isaa ch'ufa, haga jiru jireenna.


Waaqi Israeli dubbate, siidani Israeli waan nani jed'e: Hayyuuni d'ugani lafa fidde seera Waaqa gula deemu,


Nami waan hamtu tolchu mala hiyyeesa balleesa, ammo inni AABBO Waaqati d'eeta.


Ee AABBO Waaqa, worra ch'ubbu ka nama ijeesu, naraa d'owi, duraa na baasi.


Nami d'araani nama himatu ha lafa keesaa baduti; hameenni ha worra nama ijeesu d'aqabe balleesuti.


Ee AABBO Waaqa, harka worra ch'ubbu jalaa na baasi. Worra nama ijeesu, ka na balleesu fed'u, naraa d'owi.


Hojja anini ufi bira millad'u, nama na qarqaare na qorqoratu inargu. Nami tokoleeni waan kiyya iyyaalu.


Inni siida kiyya, ka anini iti baqad'u, nami na d'osse na baase wonte naa tahe isuma. Inni gosa d'ibi harka kiyyati kenne na jalati bulcha.


AABBO Waaqi d'akha kiyya, siida jaba ka anini jalati d'okhad'u. Waaqi kiyya siida kiyya, ka anini jalati d'eed'u. Inni wonte tiyya, na qorqorate na baasa.


Guyya gaargalaa inni na baase, Mana ufii keesati na jabeese, d'akha d'eera gubbaa na kaya.


AABBO Waaqi irreefi wonte tiyya, anini isa d'aabad'e, inni na qarqaare na gammachiisa; tanaafi anini sirbe isa faarsa.


Ammo atini, ee AABBO Waaqa, wonte naa taate, waan ch'ufa na dabsachiifte, garaa na jabeesita.


Atini fulla anini iti d'okhad'u, ka gaargala duraa na baaftu, waan atini na qorqoratuufi anini baafama kanke faarsa.


Waaqi irre teenna, fulla nu iti d'eennu, ka hojja nu gaargala qamnu ch'ufa nu qarqaaru.


AABBO Waaqi guddaani nu woliini jira, fullaani nu iti baqannu Waaqa Yakobooti.


Tanaafi ato lafti chochote, gaareeni d'immu baariini keesa buutele nu woma insodaannu;


AABBO Waaqi guddaani nu woliini jira, fullaani nu iti baqannu Waaqa Yakobooti.


Nama sii saalfatu atini ineebifta, ee AABBO Waaqa; jaalalti tante aka wonte woi worra ira d'owarti.


Ee Aabbo, nyaapa kiyya afaani wolwolaalchisi! Anini dira keesa nama woldiduufi ka woldabsu arga


Ammo anini waan jabeenna keeti sirbe, jaalala tante ta ind'umanne diirama ch'ufa faarsa. Atini fulla anini iti baqad'uufi ta hojja gaargala anini iti d'okhad'u naa taate.


Waan atini aka jaba na qorqorateefi, jireenni kiyya yayu akheekha nama hedduu tahe.


Inni harka nama worra d'aane dabsu keesaa baase, lubbu worrale jabeesa.


AABBO Waaqi aka aduu nuu tahe, aka wonte nu qorqorate, nu qarqaare, guddinna nuu kenne, nu eebise. Inni nama d'uga gula deemu waan dansaa tokole ind'owu.


Ee Waaqa, hayyu keenna ka atini fohate, eebisi.


Ee Waaqa, nami kiyyibaani na had'uu jira, nami naasu inqamne, ka waan kanke iyyaale, na ijeesuu fed'a.


Nami si beekhu, ee AABBO Waaqa, si d'ugeefata; nama siti d'ufu tokole atini indiddu.


AABBO Waaqi fulla nami dabsani iti baqatu, inni fulla guyya gaargala iti d'eetani.


AABBO Waaqi irre jabdu na qorqorattu; inni ya na baase. Waan inni Waaqa abba kiyyatiifi anini isa faarsa. Waan inni Waaqa abba kiyyatiifi anini isa guddisa.


AABBO Waaqi doofi jabdu nami d'ugaa d'eete iti bahu fakaata.


Waaqi jecha isa ch'ufa inuma guuta. Inni nama isati baqatu ch'ufa wonte tahe baasa.


AABBO Waaqi ya na baase, anini isa d'ugeefad'e woma insodaad'u inni irree jabeenna naa kenne, naa baase.


Worri suni ch'ufti dao qilleensa nama ira d'owartufi fulla bubbe iti d'okhatani fakaata. Worri bisaani lafa gamooji keesa yaatifi gaadisa rabsu d'akhaa, ka lafa d'eebicha keesa tau, fakaata.


Koota, dubbi teesani gaadisati himad'a; nami dubbi qabu ha wolgaafatuti. Eenuti waan taha kana duri fage? Ana AABBO Waaqaniti? Waaqi gumi ufi baase anuma, ka d'ibiini injiru.


Ee AABBO Waaqa, atini irre tiyyafi jabeenna kiyya; nami guyya gaargala na qarqaaru siuma. Gochiti muumme lafati d'ufte waan siini jettu, Ababooti teenna waaqa d'ara, ka harkaani boch'ani, ka woma nama imbaane ch'alla gula yaate.


Waan anini AABBO Waaqi guddaani Israeli jed'u ch'aqasi. Anini qonqo gammadaatifi ta qilit'amatifi sirba guyya fuud'ale ch'allisisa. Nami arma tau kunini waan kana ka taha iluma ufitini arga.


lubbuuni tiyyaleeni yayu maro Qarqaarsa kiyyatiifi gammadde.


Inni baafama ka taka argani ind'agayiini nuu kenne, d'aloota garbicha ufi Daudi keesa.


Inni aka harka nyaapatiifi jara nuu jibbule jala nu baasu kakhate.


Duuba AABBO Waaqi gumi isaatini waan jed'u, me, waaqi hedduuni irre qabu, ka isani d'aabbatani?


AABBO Waaqi jaba aka d'akha, ka wonti inni tolchu ch'ufti d'uga. Inni Waaqa d'uga, ka d'ugeefatani, ka qajeelafi d'ugaa tolchu.


Ee Israeli, isani gammachu akami qabdani! Gochiti aka teesani tokoleeni injirtu ta AABBO Waaqi baase. Wonteefi goraadeeni teesani, ta nyaapa isani ira d'owarte isani dabsachiiftu AABBO Waaqa. Nyaapi keesani, lubbu nu baasa jed'e isani kad'ata, ammo isani ira ejaanjaattani.


Ammo naasufi jaalalti Waaqa Qarqaarsa keenna mullannaani,


Wonti akanatiifi Waaqi guddiseti Lubbu ufi nura buuse, maro Yeso Kristo Qarqaarsa keennatiifi,


Inni ammalle waan jed'u, Anini abdi tiyya Waaqa ira keyad'a. Ammalle inni waan jed'u, Anini ijoolle Waaqi naa kenne woliini jira.


Jennaani Hanani Waaqa kad'ate waan jette: AABBO Waaqi yayu gammachuuni garaa kiyya guute; maro inni waan kana naa tolchefi amma garaani yayu na jabaate! Anini amma nyaapa kiyya kobla; anini akami gammachu qaba maro Waaqi na qarqaarefi!


Nami tokoleeni ka aka AABBO Waaqa qulqullo injiru; isa male tokoleeni ka nama jabeese qorqoratu injiru.


ကြှနျုပျတို့နောကျလိုကျပါ:

ကြော်ငြာတွေ


ကြော်ငြာတွေ