25 Duuba waan anini waan d'uga tolchufi inni na eebisa, waan anini isa durati ch'ubbu inqamneefi.
AABBO Waaqi waan anini d'uga tolchufi na qarqaare, waan anini ch'ubbu inqamneefi na eebisa.
Solomonini waan jed'eeni, Atini duri hojattu tante abba kiyya Daudi guddo jaalate, innileeni guddo sii saalfate d'ugaafi qajeelumani si jala deeme. Atinileeni akasuma isaa naate, ilma arra fulla isaa lafa mohatu isaa kennite.
Nami d'uga gula deemu lafa tana irati waan maleefi argata, ch'ubbichafi dabdichileeni akasuma hagasi irale gaargala isaa male argata.
Waan atini tolchitu ch'ufa AABBO Waaqi inarga, fulla atini deemtu ch'ufa inni inilaala.
Nami d'ugaa ingammada, wonti ch'ufti intoltifi. Worri waan hojate iraa wo argata,
Nuuni ch'ufti Kristo dura eju malle, aka inni dubbi teenna qore, nami ch'ufti waan argachu male argatu, waan inni nafaani tolche gula, hamtuufi dansale.
AABBO Waaqi nama d'ugaafi qajeeluma gula deemu ineebisaafi. AABBO Waaqi arra ya harka kiyyati si kenne, ammo anini nama inni muude hayyu tolche tuqu dide.