4 Hayyichi waan jed'eeni, Aka isani ira jirti seetani ch'ufa intolcha. Jennaani inni fullo balbala dirati gore askarti isaa ta ch'ibra nama kumatifi nama d'ibbati gargari qoodamte yaatu laale.
Daudini nama isaa ch'ufa wolti yaame kumkumafi d'ibba d'ibbati ch'ibra gargari qoode, ch'ibra ch'ufa abba duula iti tolche.
Ato Daudini fullo alaatifi ta garaa keesaa jiddu tau, namichi lafa eegu eeddo fulla gubba kore, nama toko ka koba utaalu arge.
Inni Yoabufi Abishaifi Itai yaame waan jed'eeni, Naa jed'a, gurba Absalomuni jed'ani kana intuqina. Askartini ch'ufti jecha Daudini worra abbooti duula kanaani jed'e d'ageete.
Inni nama dubbi qoru qajeelche d'uga garsiisa; ammalle worra balbala fullo diraa qorqoratule jabeenna tahafi.
Hayyooti Filisti shanani, ka namu qooda askarti d'ibba d'ibbafi kuma kumaani qabu gad'ufte; Daudifi jari isaa hayyu Akishi woliini dudda duuba yaani.