28 Ahimaasini hayyu nagaya fuud'e, durati lafaani ufi d'ae waan jed'e, Ee hayyicha AABBO Waaqa kanke ha faarsani ka worra siti garagale nyaapa siti tahe si dabsachiise!
Waaqa gudda ka nyaapa kanke ch'ufa si dabsachiise ha faarsani! Abramuuni hori nyaapa iraa deebise Melkizedeki qoode.
waan jed'e, Maqa AABBO Waaqa, Waaqa abba kiyya Abrahamu, ha faarsani, ka kakhu abba kiyya guute. AABBO Waaqi yayu worra fiit'a abba kiyyati na qajeelche.
Boriyyaate namichi toko fulla askartini Saulo teetu d'ufe, ka woya ufi tatarsaase mata ufile biyye iti naqate. Inni Dauditi d'ufe isa durati gajed'e isa guddise.
Niitiini suni gara hayyu d'at'e saalfateefi durati gadi jette waan jetteeni, Ee hayyicha, na qarqaari!
Nama qulqullo atini iti qulqullo, ammo nama hama nyaapa iti taata.
Guyya afreeso bale Baraka keesati wolti bahani, waan AABBO Waaqi worraa tolche kana ch'ufafi isa guddisani. Wonti bale sunini Baraka jed'anifi suni.
Siuma ch'alla ee AABBO Waaqa, siuma ch'alla nuuniti nami guddinna kennuufi mallani siuma, maro jaalala tante ta ind'umanneetiifi ta d'uga teeti.
Koota, AABBO Waaqa, ka nyaapa keenna jalaa nu baase, galata deebimna.
Atini harka nyaapa kiyyati na inkennine; ammo fulla anini fed'u ch'ufa na deemsifte.
waan jed'e, AABBO Waaqa ka harka Faraotiifi worra Misiri keesaa isani baase ha faarsani.
AABBO Waaqi guyyuma kana harka kiyyati si kenne anini sii d'ae mata sira kuta. Ammalle reefa askarti Filisti allaatiifi bineensa ala nyaachisa. Duuba akasiini nami lafa keesa jiru ch'ufti, aka Israeli keesa Waaqi jiru, beekha.
Atini reefu waan dansa na tolchite ka na ijeesu didde, ato AABBO Waaqi harka kanke keesa na kayele.
Abigailini Daudi argite jennaani maro tokotu harre iraa buute, Daudi durati lafaani ufi d'ofte
Abishaini waan Daudini jed'e, Arra AABBO Waaqi yayu nyaapa kanke harka kanketiti kenne. Amma eegi, woraanuma isatini isa tumad'e lafati hod'a, maruma toko iti indeefad'u!