6 Absalomuni nama Israeli ka sila d'ufe d'iba hayyuuni ilaalufi ch'ufa akanaani sobe, ufi gula deebise.
Jennaani nami erga d'ufe waan Daudini jed'e, Garaani nama Israeli ch'ufti yayu Absalomu gula deebie.
Nami Waaqa imbeenne afaanuma ufitini olla ufi balleesa, ammo nami d'ugaa qaroomuma ufitini ufi baasa.
Anini waan nama lafa tana keesa jiru ch'ufa herege jennaani aka worra kana keesa nami kaima toko, ka huji hayyu iraa fuud'u jiru arge.
Ammalle malaikaani waan jette: Fulla isaa namicha hama toko ka huji sunii immaliniti hayyu taha; ammo inni tassa d'ufe kara sobaatini guddinna suni fud'ata.
Worri waan akana kana tolchu Kristo Aabbo keenna hojachuuti injiru, ammo garaa ufiti hojata. Worri Afaani dansaani qalbi nama woma imbeenne soba.
Barsiiftuuni d'ara tunini sabdooma ufitiifi odu d'ara odeesiti, aka wo keesa argattu. Bara heddu Nami worra qoru kurfo jira, Ka worra balleesuleeni ya hiriibaa kae!