14 Nu ch'ufti indoona, akuma bisaani lafati jissani ka dandaani wolti indeebine jirra. Waaqileeni nama due inkaasu, ammo hayyichi kara nama lafa d'ibiti baqateeni galchu ind'abu.
Ganni nu teennu torbatama ammo ya nu nama jaba taane saddeetamafa gaha; ammo taatule wonti nu ira argannu gaargalumafi laalala, jireenni keenna gabaaba, yoosu dabra.
Diri kunini dira iti baqatani ha tahuti, aka worra Israelitiifi nami gosa d'ibi ka imaltu d'ufeefi ka worra keesa qubatuleeni iti baqatu. Nami ch'ufti ka d'annu nama ijeese dandae dira suni tokoti baqata.
Gumiini ha nama nama ijeese suni harka miilo aanti nama ijeesani suni keesaa baafte dira iti baqatani, ka inni iti baqate suniti deebiftuti. Inni haga namichi gaafasi qaallicha gudda sunini duuti, ha achuma tauti.
Jara worraatiifi jara Herode woliini Yesoti ergani waan jed'ani, Aabbo, nu imbeenna aka atini nama d'uga, atini waan Waaqi nama ira fed'u akuma d'uga barsiifta; waan nami jed'ule iyaaltu.
AABBO Waaqi keesani Waaqa Waaqa ch'ufa ira jirufi jabeenna, jabeenna ch'ufa ira jiru. Inni gudda jaba ka nami sodaatu: ka nama gargari infillee yokhaani ka gumbo inyaanne.
Hojja Waaqa, ka nama ch'ufa waan inni tolche gula aka taka qoru kad'attani, Aabbo jettaniini; tanaafi haga lafa tana keesa jirtani isa sodaachu maltani.