22 Absalomunileeni waan Amnonini oboleeti isaa buufatefi, jibba isaa jabeenna, afaanileeni isaani dubbachu dide.
Jennaani Labanifi Bethueliini waan jed'ani, Wonti kunini waan Waaqa iraa d'ufe, waan nu dubbanne buufachu indandeenne.
Halkanuma suni Waaqi oobju keesa Labaniti mullate waan jed'eeni, Waan taatu, waan hamtufi toltule tokole Yakobooni injed'ini.
Anini dandae sila wo si tolcha, ammo edda Waaqi abba keeti waan naani jed'e, Waan hamtufi toltule tokole Yakobo intolchini.
Hayyu Daudini waan kana ch'ufa d'agaye jennaani guddo dallane.
Nami hameenna garaa qabu d'ossu d'articha, ammo nami dubbi nyaatte dubbatu daalle.
Yo namaani dubbi irati wold'abdani, ato namutu woli ingeesine, isanumaani hobaafad'a, aka nami d'ibiini wold'aba keesani suni ind'ageenne.
Nami d'artichi afaani namati mid'aage, ammo garaa ufi keesa waan hamtu namati herega.
Inni hegeri hameenna ufi d'ossa, ammo nami ch'ufti waan hamtu inni tolchu inarga.
Miira guddad'i; haalo wolfuud'itiini daalluma.
Yo oboleesi kanke siti dabe, kobati yaami gorsi. Yo inni dubbi tante d'agaye, atini ya oboleesa keti waan guddo taate.
Yo dalantani, dalansuuni teesani daba keesa isani inseensisiini; dalansuuni aduuni isaniti ind'iini.
Garaa hameennafi, d'araafi dalansu ch'ufa lakisa. Iti deebitani woli loltani woli inarabsina! Ammalle wolinjibiina!
Ammo nami oboleesa ufi jibbu dukana keesa jira, ammalle dukana keesa dedeema; gara deemule imbeekhu, waan dukanti lafa argu isa d'owarteefi.
Nami, Anini ifsa keesa jira jed'e ammo oboleesa ufi jibbu ammalle dukana keesa jira.
Maro waan kanatifi ijoolle Waaqatiifi ijoolleeni Sheet'ana gargari gorti: nami d'uga intolchine yokhaani ka oboleesa ufi injaalanne ch'ufti ka Waaqaatiiniti.
Aka Kaini tahu himmalle; inni goli Sheet'ana tahe, oboleesa ufi ijeese. Kaini maafi isa ijeese? Maro wonti oboleesi isaa tolche qajeela taate, ta inni tolche hameenna taateefi.
Nami oboleesa ufi jibbu ya nama ijeese; isani imbeetani aka nami nama ijeesu jireenna hegeri ufi keesa inqamne.