Biblia Todo Logo
အွန်လိုင်း သမ္မာကျမ်းစာ

- ကြော်ငြာတွေ -




2Tasaloonqe 3:5 - KITAABA WAAQA

5 Aabbooni jaalala Waaqaatiifi obsa Kristoni namaa kennuti isani akheekhiina.

အခန်းကိုကြည့်ပါ။ ကော်ပီ




2Tasaloonqe 3:5
33 ပူးပေါင်းရင်းမြစ်များ  

Inni saala nu kenne, aka nu hojja ch'ufa waan inni fed'u taane aadaafi seera isaa ka inni ababoota teennaa kenne guunnu nu tolchinna.


Ee AABBO Waaqa ababoota teenna Abrahamutifi Isaaqotifi ka Israeli, herega akana kana qalbi gumi teeti keesa kayi, guyya ch'ufa qalbilbi sii saalfatu worraa kenni.


D'araa anini woini horad'uniti, ta anini seera keetiini guutu naa kenni.


Anini guddo jabaad'e gorsa kanke gula deemuu fed'a!


Anini obse, qarqaarsa AABBO Waaqa ira eegad'e; jennaani inni na ch'aqase boha tiyya d'agaye.


Waan tolchitu ch'ufa keesa AABBO Waaqa qaabad'u, duuba inni kara si qajeelcha.


Ee AABBO Waaqa, aka nami tokoleeni lubbu ufi harka inqamne, yokhaani dandae karati ufi inqajeelchine, anini imbeekha.


Wold'aqisi haraai anini worra Israeli woliini tolfad'u kana; anini seera kiyya qalbi worra keesa kaye, garaa worraa keesati t'aafa. Anini Waaqa worraa tahe, worrileeni gumi tiyya taha.


tanaafi yo obsani baafama isaa eegatani ira namaa jirti.


Abdiini tunini nu inch'eersitu, waan Waaqi jaalala ufi Lubbu Qulqullooni garaa keenna keesa dambalaaseefi. Lubbuuni Qulqullooni suni qarqaarsa Waaqi nuu kenne.


Ammo yo waan ingarre abdanne, obsaani eeganna.


Nu imbeenna, aka waan ch'ufa keesati Waaqi worra isaa jaalatu, ka inni fed'i ufitiini yaame, waan dansa tolchuufi.


Ammo nama Waaqa jaalatu Waaqileeni imbeekha.


Ammo Lubbuuni jaalalafa, qilit'amafa, nagayafa, obsafa, naasufa, d'uga gula deemitifa, dansoomafa,


AABBO Waaqi keesani garaa keesanifi ka ilmaani teesani laafise, ufii isani saalfachiisa aka isani garaa keesani ch'ufaani isa jaalattani, lafa suni keesati bultani.


Ilma isaa ka gubba gadi d'ufu eegattani, Ilma isaa Yeso, ka inni duisa keesaa kaase, dalansu Waaqa ta hegeri d'uftu duraa nu baasu.


Wonti akanatiifi nu Waaqafi Abba keenna durati qaabanna, aka isani d'ugefacha teesani hujiini hojattani, aka jaalalti teesani huji guddo isani tolchisiifte, ammalle aka abdiini teesani Aabbo Yeso Kristo keesa jabdu.


Waaqa Abba keennafi Aabbo Yesoni kara nu hariinna, aka nu gara keesani d'umnu!


Amma galata dabsachaati na eegata, ammo sure d'ugaa ta Aabbooni jaallabi d'ugaa guyya suni naa kennuti na eegata, na ch'allaaniti ammo worra jaalalaani d'ufiisa isaa eegu ch'ufa.


Ato Guyya eeba ka nu abdannu eegannu, guyya guddinni Waaqa Guddafi Qarqaarsa keenna Yeso Kristoni mullatu.


akasuma Kristole maro toko sorio baasani, aka daba nama heddu baasu. Inni maro lameesole indeebia, aka daba balleesuuniti, ammo aka worra isa eegatu baasu.


Ch'aqasa oboleyaani tiyya! Waaqi hiyyeeyi lafa tana fohate, aka d'ugefachaani duroomte, finna inni worra isa jaalatu d'aamate argattu.


Maro Kristoni nafaani gaargaleefi, isanileeni herega suniini ufi jabeesu maltani: wonti akanatiifi nami nafaani gaargale tokoleeni iti deebie daba keesa inseenu.


ato Guyya Waaqaa eeddanu, jabaad'a aka Guyyaani suni hurrise d'ufu — Guyya gubbaani gubatte badde, wonti gubba jira ch'ufti bat'e baddu.


Wonti nu jaalannuufi, Waaqati qara nu jaalate.


Anini Yohana oboleesa keesani; Yeso keesa nu gaargalafi Finna isatiifi obsa woliini arganna. Waan anini dubbi Waaqatiifi d'uga Yesoni mullise odeeseefi, lafa bisaani marsani, ta Patmo jed'ani, keesa jira.


Nama qabu fed'ani inqabani; nama sheeftiini ijeesu fed'ani inijeesani. Worri Waaqaa obsafi d'ugefacha qabaachu male.


ကြှနျုပျတို့နောကျလိုကျပါ:

ကြော်ငြာတွေ


ကြော်ငြာတွေ