4 Maro waan kanatifi nu gumi Waaqa keesa dansooma keesani dubbanna. Aka isani obsitani d'ugefattani dubbanna, gaargalafi d'ipu isani argattani keesa.
Abdiini teesani gammada isanii kennina, gaargala argattani obsaa, hojja ch'ufa Waaqa yaamad'a.
Nami gari waan dansa tolcheti guddinnaafi ulfinnafi jireenna ind'umanne barbaadata: nama akana kana Waaqi jireenna hegeri kennaafi.
Ammo yo waan ingarre abdanne, obsaani eeganna.
Nami ch'ufti kenniti Waaqi isaa kenne gula tau male, ammalle akuma gaafa Waaqi isa yaame jiru tau male. Seeri anini gumi ch'ufa barsiisu kana.
Anini laafinnafi arabaafi d'ibafi d'ipufi gargala maro Kristotiifi indidu. Wonti akasitiifi yo anini laafa anini guddo jabaad'a.
Anini guddo waan keesani isati odeese, isanileeni na inch'eersine. Nu hojja ch'ufa ya d'uga isaniti dubbanne. Akasuma wonti nu Titoni jenne ya d'uga taate.
Anini guddo waan keesani beekha, maro teesaniifi ufi koorsa! Gaargala keenna ch'ufa keesati anini garaa illaafu ammo gammadaani qilit'ama.
Anini aka isani nama qarqaaru feetani imbeekha, tanaafi anini waan kana worra Makedoniati odeese. Anini waan jed'e, Oboleyaani Akaya jirtu haga ganna dabreti kurfo jirti aka worra qarqaartu. Hujiini teesani tunini ya nama heddu kokhorsite.
Yo akasi intahiini, gaafa worri Makedonia na woliini d'ufe aka isani kurfo intahiini arge, guddo nuu ch'eera, ch'eera keesani lafa d'aaba, waan nu guddo isani d'ugefanneefi!
Wonti akanatiifi nu Waaqafi Abba keenna durati qaabanna, aka isani d'ugefacha teesani hujiini hojattani, aka jaalalti teesani huji guddo isani tolchisiifte, ammalle aka abdiini teesani Aabbo Yeso Kristo keesa jabdu.
Isanileeni, oboleyaani tiyya, akuma gumiini Waaqa ta Kristo, Yeso, ta Yudea keesa jirtu taate, taatani. Akuma worri lafa teesani isani gaargalche, akuma suni worrale Yahudiini
Taatule abdi teennaafi gammada keennafi wonti nu fuula Aabbo Yeso durati, yo inni deebiu, ufi guddimnuufi isanumaaniti?
Aabbooni jaalala Waaqaatiifi obsa Kristoni namaa kennuti isani akheekhiina.
Isani obsu maltani, aka fed'i Waaqa tolchitani, waan inni kakhate argattani.
Nu isanii lalaaftani imfeenu, ammo aka worra d'ugefate obsu taatani feena, aka waan Waaqi kakhate argattani.
Abrahamuuni obse jennaani waan Waaqi iti kakhate argate.
Waan worri obseefi gammada qabani jenna. Isani ya obsa Ayubu d'ageetani, duuba aka Waaqi waan inni fed'u ch'ufa eege keenneefi imbeetani. Wonti akasitiifi Aabbooni guddo naasu qaba, guddo namaa naha.
hubacha teesaniti ufi qorqorti darad'a; ufi qorqorti teesaniti obsa darad'a; obsa keesaniti jireenna Waaqa darad'a;
Jari qulqullooni ka seera Waaqa guute d'ugefacha Yeso jabeesu, waan kana obsu male.