Ato inni dubbatu, dumansi adiini toko worrati golle, qonqooni dumansa keesa waan jette, Kunini Ilma kiyya ka anini jaalad'u, ka na gammachiisu, dubbi isaa ch'aqasa jette.
Ammo yo anini tolche, yo na d'ugefachu baatanile, huji suni d'ugefad'a; aka isani aka dansa hubatani baratani, aka abbaani na keesa jiru, ka anileeni abba keesa jiru.
Inni ya guyya tolfate, aka nama lafa jiru ch'ufa d'ugaani qoru, nama inni fohateeni. Inni ya nama kana duisa keesaa kaase, waan kana kara kanaani nama ch'ufaa d'ugeese.