4 Jennaani worri Israeli akheekha Baalitifi ka Ashtorethi ka kad'atu ufira balleese AABBO Waaqa ch'alla kad'ate.
Wonti anini waan kana tolchufi Solomoniti na dide waaqa gosa d'ibi kad'ate: Ashtorethi waaqa Sidoni, Kemoshi waaqa Moabu, Milkomu waaqa Amoni. Solomonini ya waan hamtu tahe na dide, aadaafi seera kiyya ka abbaani isaa Daudini guute, iraa gore.
Inni Ashtorethi waaqa worra Sidonitifi waaqa hama Milkomu jed'ani ka worra Amoni kad'ate.
Yo lafa suni keesati worri d'uguma daba ufi iraa deebie, lafa atini ababoota teenna kenniteefi dira atini fohate kanaafi Mana anini si jaare kanati fuula deefate si kad'ate,
Yosiani ammalle fulla waaqa d'ara iti kad'atani, ta hayyu Yeroboamu, ilmi Nabathi, Betheliti jaare akasiini worra Israeli ch'ubbu keesa buuse kaani ch'ach'abse. Yosiani ammalle fulla suni buqise, d'akha jaaranini ch'ach'abse bulleese, tume d'ukeese; ammalle akheekha Asherale fuud'e gube.
Worri Ashuru dandae nu imbaasu, ammalle fardi lolaleeni dandae woma nuraa ind'owu. Nu iti deebine waan harka keennaani boch'ine waaqa jenne inkad'annu. Ee AABBO Waaqa, nami hiyyeeyiini naasu iraa argatu siuma.
Worri Israeli amma tana waaqoota d'ara maani iraa qaba? Anini kad'acha worraa d'agayeefi worra qorqorad'e, aka mukha doti worra gaadiseesa. Hormaati worraa ch'ufti naraa d'ufa.
Jennaani worri Israeli waan hamtu Waaqa durati tolche Waaqoota Baali jed'ani kad'atani.
AABBO Waaqa lakisani Baalifi Ashtorethi kad'atani.
Samueli waan worra Israelitini jed'e, Hojja isani AABBO Waaqati garaa keesani ch'ufaani ka deebitani tatani, isani waaqa worra gosa d'ibitifi akheekha waaqa Ashtorethi ufiraa balleesu maltani. AABBO Waaqati ufi kenna, isuma ch'alla kad'ad'a, duuba inni harka worra Filisti keesaa isani baasa.
Duuba Samuelini waan jed'e worra Israeli ch'ufa Mispati wolti naa yaama, Duuba anini achiti AABBO Waaqa isani kad'ad'a.