Boriyyaate namichi toko fulla askartini Saulo teetu d'ufe, ka woya ufi tatarsaase mata ufile biyye iti naqate. Inni Dauditi d'ufe isa durati gajed'e isa guddise.
Ato hojattuuni isaa ch'ufti isaa d'aatu ejaanjitu askartini isaa ta isa eeddu worra d'aatu yaate isa dura dabarte. Ammalle askartini nami d'ibba jaa ka Gathi isa gula d'ufteleeni akasuma worra bira dabarte.
Ammo jari gugurdaani askarti Filisti isaati dallane waan jed'eeni, Namicha kana dira atini kenniteefi kaaniti deebisi. Inni had'iisa nu woliini deemu himmalle, hegeri inni nuti garagale nu balleesa fa. Karaani inni dandae abbaani gammachiisuni, ka ijeecha inni nama keenna ijeesu ira jiru, injira?