16 Jennaani Yonathanini artiti iti d'ufe aka Waaqi dandae isa qarqaaru iti hime garaa jabeese
Anini aka Waaqi na eebise na qarqaareefi waan hayyuuni nani jed'ele iti hime. Worri waan jed'e, hayye, koota, injaara! Duuba hojuma suni kurfahani, huji jala qabatani.
Anini sila gorsaani isaani jabeese dubbi dansaani isani kiba.
Akuma sibiili sibiila d'ibi qaru, namileeni woi wolbarsisa.
Qayyafi d'ad'aani urgaani nama gammachiisa, ammo gaargali qalbi si yake nagaya si d'owa.
Kiyyiba keesanini isani nama dadansa anini balleesu infeene sodachiiftani, worra hamamale ka sila hameenna ufi lakise lubbu ufi baasu fed'u d'owartani.
Ammo anini yayu sii kad'ad'e aka d'ugefachaani tante inhanqanne. Ammalle atini eegi nati deebite, oboleyaani tante jabeesi.
Malaikaani gubba isati mullatte garaa isaa jabeesite.
Dubbi buufata, Aabbo keesa jabaad'a, irre isaa guddooni.
Yoshua, dubbi inni gula deemu male taani iti himi, garaafi herega isaa jabeesi; wonti akanatiifi inni lafa atini agarte taani biyya geese iti qubachiisa.
Atini duuba, ilma kiyya, maro eeba Kristo keesa jirtu qabduufi jabaad'u.
Daudini ka Horeshi lafa aloo ta d'aatu Zifu keesa jiru aka Sauloni isa ijeesu fed'u hubate.
Daudi amma ya gaargali hamaani qabate, wonti akanatiifi jari isaa ch'ufti maro ilmaani d'abeefi yayu garaani hammate ijeecha isaati malate; ammo AABBO Waaqi garaa isaa jabeese.