6 Duuba qaallichi qit'a woyyuma kenneefi; wonti akanatiifi qit'aani inni qabu ka Waaqa baasani ch'alla, ka AABBO Waaqa duraa fuud'ani qit'a owani jijirani.
Duuba Ahimelekini waan Daudini tahuu male AABBO Waaqa gaafatefi, woreegaafi goraade Goliathi, ka gosa Filisti, kenneefi.