5 Daudini waan jed'eeni, Laki, jari kiyya qarale nad'eeniti ind'iaatu hojja imaltu yau, ammo keessuma hojja imaltu akana tana yau diqole iti ind'iaatu.
Duuba Musani gaara ira gadibue waan biyyaani jed'e, Ufi qulqulleesa; duuba biyyiti woya miich'atte.
Jennaani inni waan jed'eeni, Guyya sadi kurfefad'a, nad'eeni eegad'a, iti ind'iaatiina.
Ammalle hojja ch'ufa qit'a qulqullo mesa ira na dura kayi.
Qit'aani suni ka Harunitifi ka ilmaani isaati, worri ha fulla qulqullooti nyaatu; wonti akanatiifi qit'aani kunini sagale qaalole keesa waan guddo qulqullo ta AABBO Waaqa durati gubani.
Jennaani inni qit'a toko dadu qit'a bukho inqamne ka AABBO Waaqaa baasani keesaa fuud'e, ammalle qit'a toko ka d'ad'ani d'aabanifi waan aka buddeena tokole fuud'e, gabbinnafi miila lukha mirgicha kaani gubba kaye.
Ammo Aabbooni waan isaani jed'e, Beeni d'aqi, anini yayu isa fohad'e, aka inni maqa kiyya gosa d'ibiifi hayyootafi ijoolle Israelile durati odeesu.
Wolind'owatiina yo haga diqa toko, aka Waaqa kad'atani wold'agetani, ee woliini jettani male, ammo eegi suni huji teesani ta d'iirsaa nitii guuta, aka ufi qorqorti d'abdani akasiini ilaalacha Sheet'ana keesa imbuumne.
Wonti akanatiifi guddo ira dansa, yo waan dansaafi gaargalani, fulla waan hamtuufi gaargalani, yo isiini fed'i Waaqaa taate.