36 Nami worra keesani ka hafu qaallu suni d'aqe beesefi sagale kad'ate waan jed'uuni, Huji qaallu ta tateefu naa kenni, aka anini waan nyaad'e d'uga argad'e garaachaa bulu.
Jennaani Solomonini Abiathari huji qaallu AABBO Waaqa keesaa baase, akanaani dubbi AABBO Waaqi duri Shiloti dubbate waan qaallu Eliifi d'alooti isaa tahu hime guute.
Qaalole suni Mana Waaqa keesa hojachu d'owani, ammo akuma qaalole taani d'ibi qit'a bukho inqamne nyaati.
Nami ch'ubbu qabu nama d'ugaa qajeela durati saalani jilbifata.
Isani na tufattani, Wonti kunini ch'ufti ya nu dad'absiifte jettani. Isani hori hatanifa, naafafa, yokhaani ka fayya inqamnefa, sorio naa baaftani. Isani duuba waan anini hori akana harka keesani ira fud'ad'u seetani?
Mikaani waan jed'eeni, Na woliini tai, qaallufi abba mala naa tahi, anileeni qarsi kud'ani gannati sii kenne, woyaafi sagalele sii keenna.
Anini nama d'uga ka waan anini jed'u ch'ufa guutu qaallu fohad'e, ilmaanile ta hojja ch'ufa hayyu anini fohad'e durati na hojatu kennaafi.
Bara suni gaafa gurbaani Samueli jed'ani Eli jala AABBO Waaqaa hojatu, dubbifi daayyani ta gara Waaqati d'uftu take.