32 Atini gaargalte eeba anini worra Israeli kaanii kennu d'araatafi; ammo worra kanke keesa nami tokoleeni deebie guddate injaaru.
Ammalle jaaroleeni uwatiifi ta d'iira ta uleeni yaatu, deebite garaa dira suni keesa teeti.
Yo akasile taate, anini isani keesa nama toko hambisa, ka qaallu naa tahu. Ammo inni ilad'abe ufi jibbaata, ammalle d'alooti keesani ch'ufti woraanani hobaa.
Sanduqa Waaqale boojiani, ilmaani Eli Hofnifi Finehasile lachu fit'ani.
Isiini waan jette, Guddinni Waaqa yayu Israeli keesaa kae, maro Sanduqa Wold'aqisa Waaqa qabani boojianifi.
Jennaani nama Shiloti ergani Sanduqa Wold'aqisa AABBO Waaqaa, ka akheekha fulla guddinna AABBO Waaqi tau garsiisu, fuud'ani. Duuba ilmaani Eli lamaani ta Hofnifi Finehasi jed'ani Sanduqa suni gula d'ufte.