26 Much'aani Samueli jed'ani kaani guddachuma guddate eeba namafi AABBO Waaqale iraa kutate.
Potifaani adabafi huji isaa maache, huji mana isaa harka isati lakise, waan qabu ch'ufa gudda iti tolche.
Duuba jaalalaafi d'uga illakisini mormati marad'i, qalbile keesa keeyad'i.
Yo atini waan kana tolchite, Waaqafi namileeni sii eebise siraa gammada.
Gurbaani guddate nafafi lubbuuni jabaate: lafa alo keesa tae, haga guyyaani inni Israeliti ufi mullisu gahuti.
Gurbaani suni guddate jabaate; ammalle guddo qaroo, eeba Waaqa qaba.
Yesoni olguddate, qalbi horate, Waaqafi namileeni isa eebise.
Waaqa faarsani, biyyiti ch'ufti worra jaalatte. Guyya ch'ufa Aabbooni nama baafamu gumiti dare.
Nami kara kana gula Kristo hojatu Waaqa gammachiise namale quufsa.
Niitiini ilma deete, maqa isaa Samsoni baafte. Inni olgudate, AABBO Waaqi isa eebise,
AABBO Waaqi akasuma Hana eebise, eegi suni isiini ilmaani d'iira sadiifi dubra lama d'alte. Gurbaani Samueli jed'ani huji AABBO Waaqa suni keesati guddate.
Akuma Samuelini guddatuni, AABBO Waaqi isa woliini jiraate, dubbi isa ch'ufa lafa buu d'owe guutefi.