Biblia Todo Logo
အွန်လိုင်း သမ္မာကျမ်းစာ

- ကြော်ငြာတွေ -




1 Samueli 2:2 - KITAABA WAAQA

2 Nami tokoleeni ka aka AABBO Waaqa qulqullo injiru; isa male tokoleeni ka nama jabeese qorqoratu injiru.

အခန်းကိုကြည့်ပါ။ ကော်ပီ




1 Samueli 2:2
37 ပူးပေါင်းရင်းမြစ်များ  

Waaqi kiyya siida kiyya ka anini jalati d'eed'u. Inni wonte tiyya, na qorqorate na baasa, inni baafama kiyya, na qorqorate harka nama hama jala na baasa.


AABBO male Waaqi d'ibiini injira? Isa male siida jalati d'okhannu d'ibi inqamna?


Atini akami gudda, ee AABBO Waaqa! Nami tokoleeni ka aka keeti injiru; nu yo ch'ufa imbeenna, aka atini ch'allaani Waaqa.


Waaqa kad'ate waan jed'e, Ee AABBO Waaqa Israeli, Waaqi aka kanketi tokoleeni lafafi gubbale injiru! Atini wold'aqisa gumi tanteetiini woliini tolfatani jabeesite, jaalala tante worra garsiifta, hojja worri garaa tokooni si gula yau.


Inni gumi isaa balchoomse, wold'aqisa haga jiru jireenna woliini tolfate. Inni qulqullo ammalle jabeenna qaba.


AABBO Waaqi d'akha kiyya, siida jaba ka anini jalati d'okhad'u. Waaqi kiyya siida kiyya, ka anini jalati d'eed'u. Inni wonte tiyya, na qorqorate na baasa.


AABBO male Waaqi d'ibiini injira? Isa male siida jalati d'okhannu d'ibi inqamna?


Ee Waaqa, atini yayu waan mama tolchite, d'ugaani teetileeni guddo, gubbale ind'aqabdi. Nami aka keeti tokoleeni lafa keesa injiru.


Siida anini iti baqad'uufi fulla jabdu na baaftu naa tahi; atini siida kiyya ka anini iti baqad'u.


Anini gubbaa si male maani qaba? Anini eegi si qabaad'e lafa ira maani fed'a?


Ee AABBO Waaqa, waaqi d'ibiini ka aka keeti tokoleeni injiru, ka waan atini hojatte taka hojate injiru.


Nami gubbaa jiru, ka aka kanke jiru injira? Worri gubbaa, nami si gahu, tokoleeni injiru.


Ee AABBO Waaqa gudda, jabaani aka keeti tokoleeni injiru. Ee AABBO Waaqa, atini waan ch'ufa keesa d'uga tolchita.


Nami ch'ufti ha maqa isaa gudda jaba faarsuti; inni qulqullo!


AABBO Waaqa keenna faarsa, barch'uma isaa dura koota, isaa kad'ad'a! Isumati qulqullo!


AABBO Waaqa keenna faarsa, gaara isaa qulqullo irati isa kad'ad'a! AABBO Waaqi keenna qulqullo.


Ee AABBO Waaqa, Waaqi d'ibiini aka kanke jiru eenu? Eenuti aka kanke qulqullooma gudda qaba? Eenuti waan mamatiifi huji jabdu aka kanke dandae tolcha?


Waaqa eenuni woli bira qabani? Yokhaani eenuti dandae aka inni jiru namati hima?


AABBO Waaqi, ka worra Israeli fide qorqoratu, AABBO Waaqi guddaani waan jed'u, Anini ka qarati, ammalle ke eegeti, ana male waaqi d'ibiini tokoleeni injiru.


Insodaatina, imudamina, gumi tiyya. Isani haga duritifi haga arrale aka anini waan taha hime imbeetani? Isanileeni amma d'uga tiyya. Na male Waaqi d'ibiini injira? Waaqi irre qabu d'ibiini, ka anini imbeenne, injira?


Anini Waaqa gudda, qulqullo, haga jirule tau. Anini gubba fulla qulqullo taa, ammo nama ch'ubbu iraa deebie ufi diqeesule woliini taa, aka akasiini garaa worraa jabeese abdi kennuufi.


Woli yaamani waan woliini jed'ani, Qulqullo, qulqullo, qulqullo! AABBO Waaqi guddaani qulqullo! Lafti ch'ufti guddinna isaatini guutamti.


Ee AABBO Waaqa, nami aka keeti lafa keesa injiru; atini gudda, maqaani kankeleeni gudda, ammalle jabeenna qaba.


Anini, AABBO Waaqi keesani Waaqa qulqullo, Tanaafi ufi qulqulleesa, qulqullo taha.


Anini Waaqa keesani, ka lafa Misiri keesaa isani baase, aka Waaqa keesani tahu. Tanaafi akuma anini qulqullo isanileeni qulqullo tahu maltani.


waan atini gumi Israelini jettu, qulqullo taha, wonti akanatiifi anini, AABBO Waaqi keesani, Waaqa qulqullo.


Wonti akanatiifi waan t'aafi keesati t'aafani ch'ufa aka nu barsiisaniifi t'aafani, aka nu abdi maro jabeennaafi obsa t'aafiini nuu kennitu argannu.


Ayyaana nama Waaqi daba isaa iti inherenne!


AABBO Waaqa, gudda, anini imbeekha aka wonti atini na garsiiftu kunini iti keeyacha waan gugurdo nama mamsiisa, ka atini takaa tana tolchitu. Waaqi tokoleeni, ka waan guddo mama aka atini tolchite kana tolchu, gubbaafi lafale injiru!


Waan jed'e, Anini deebie worra kana inqarqaaru, ammalle muumme waan worri iti deemu laala; wonti akanatiifi worri kunini worra mata jajaba, ka dubbi nama ind'ageenne.


Me amma ilaala, Waaqi d'uga ana, ka d'ibiini injiru. Anini ijeese jireesa, madeese fayyisa, nami tokoleeni na indabsatu.


AABBO Waaqi jaba aka d'akha, ka wonti inni tolchu ch'ufti d'uga. Inni Waaqa d'uga, ka d'ugeefatani, ka qajeelafi d'ugaa tolchu.


Wonti AABBO Waaqi waan kana ch'ufa isani garsiisefi, aka, isa male, waaqi d'ibiini injirre, isani garsiisa.


Tanaafi arra inded'ina qaabad'a AABBO Waaqi Waaqa gubbatiifi lafale, isa male kad'ibini injiru.


Wonti akanatiifi t'aafiini, akuma anini qulqullo isanileeni qulqullo tahu maltani jetti.


ကြှနျုပျတို့နောကျလိုကျပါ:

ကြော်ငြာတွေ


ကြော်ငြာတွေ