18 Daudini waan jed'eeni, Anini eenu qara? Worri kenaleeni Israeli keesa eenu ka anini intala hayyu fuud'u?
Jennaani hayyu Daudini Waaro Woyyuma ta AABBO Waaqa d'aqe, gatae kad'ate waan jed'e, Anaafi worri kiyyaleni qara eenu, ee AABBO Waaqa, ka atini armaani geete waan kana ch'ufa tolchiteefi?
Ahimaasi ka intala Solomoni ta Baemathi jed'ani fuud'e lafa Naftali;
Musani waan Waaqaani jed'e, Anini woma keesa injiru, akami dandae gara Farao d'aqe ilmaani Israeli lafa Misiri keesaa baasa?
AABBO Waaqa sodaachani qarooma daracha. Nami guddinna barbaadu ufi guddisiti lakisu male.
Nama ufi inguddimne nami insaalfata, ammo nami ufi olfuud'u kara badi keesa jira.
Jennaani anini waan jed'eeni, AABBO Waaqa gudda, me ilaali, anini ijoolle, dubbi imbeekhu.
Isiini isaa saalfatte guddo gajette, Atini keessuma aka tiyya tana maafi naataafi? jette.
Duuba dubbi tana Dauditi himani jennaani inni waan jed'e, Isani sodda hayyu tahiti waan diqo seetani? Anini hiyyeesa, namileeni na imbeekhu.
Sauloni waan jed'eeni, Anini gosa Benjaminiti, gosa Israeli ch'ufa ira diqo; ammalle gosa teenna suni keesale balbalti teenna balbala ch'ufa ira diqo. Atini maanifi dubbi aka tana nani jette re?