1 Samueli 17:26 - KITAABA WAAQA26 Daudini waan nama isa bira ejaanjuni jed'e, Nama namicha Filisti kana ijeese ch'eera hama kana gosa Israeli dura baase maani kennanifi? Qarale namichi Filisti kunini ka qabanqaba inqabatini hojja tae askarti Waaqa jiru ch'ompifatu eenu ufi seha? အခန်းကိုကြည့်ပါ။ |
AABBO Waaqi waan jed'u, Guyyaani ind'ufa, ka anini worra gosa Misiritiifi ka Yudatifi ka Edomutifi ka Amonitifi ka Moabutifi worra lafa gamooji ka mata ufi gababse ch'iratu gaargalchu. Worri kunini ch'ufti aada gula qabanqaba qabata, ammo waan aadaani suni malteefi inguunne. Worra kanafi worri Israeli tokoleeni wold'aqisa kiyya injabeesine.
Atini Waaqa gubbati wollaalte, muduunufi qori mana isaa guurte d'ufteeni, duuba siifi jara kanke gugurdafi nad'eeni teetifi gaarayooti tanteleni daad'iini d'uddani, waaqa worqifi qarsifi sibiila diimafi sibiila guraachafi mukhaafi d'akhaani mid'aasani faarsitani — waaqa woma ingarre, ka woma ind'ageenne, yokhaani ka woma imbeenne. Ammo atini Waaqa duafi jireenna kanketifi ammalle waan atini tolchitu ch'ufa harkaa qabu guddisu didde.