17 Duuba Sauloni waan worraani jed'e, Nama kiraari aka dansaa tabachu beekhu barbaada, natiini koota.
Tanaafi, aabbo, yo atini feete nu gad'iisi, nama kiraari d'au sii barbaanna. Duuba hojja jinnini siti d'uftu inni kiraari ufi tabate akasiini fayyita.
Namichi hojattu isaa toko waan jed'eeni, Anini gurba toko, ka Yese ka worra Bethlehemu, ka aka dansaa kiraari d'au beekhu, imbeekha. Inni ammalle janna mid'aaga, askarti dansa, ammalle guddo dubbi beekha. AABBO Waaqileeni isa woliini jira.