Hojja Mana Waaqati kad'achu d'at'u ufi eegad'i; yo wo baracha Mana Waaqa d'at'e ira sii jirti, fulla atini aka worra daalle, ka d'araafi d'uga gargari imbeenne, sorio baaftu.
Kara gula yaatani kana lakisa, Finna keesani jijirad'a, AABBO Waaqa keesani saalfad'a. Yo isani akasi taatani, inni herega qara dira kanaani balleese jed'e kaani illakisa.
Gaargala keesani, jara Seera beekhufi Farisayo. Kiyyibdoole! Qooda kud'anneeso ka gurbi urgotiifi waan d'ibi ka sagaleeni urgesanile Waaqa baaftani, ammo barsiisa isa jajabdu ta Seera diddani, ta aka nagayafi nasufi d'ugaa. Waan kana guutu maltani, ato seera d'ibile indinne.
ammalle aki isa jaalatani, garaa ch'ufaafi hubacha ch'ufaafi jabeenna ch'ufaani; ammalle aki nama ch'ufa aka ufi jaalatani jaalatani sorio gosa ch'ufa iraa wo baati.