48 Inni aka d'iira had'e worra Amalekile dabsate. Ammalle inni worra Israeli had'iisa nyaapa ch'ufa jalaa baase.
Guubeeni Yonathani nama ijeefte, goraadeeni Sauloleni nama inhanqanne, nama gugurda woworaante nyaapa ijeefte.
Jennaani AABBO Waaqi waan Musani jed'e, Waan woraani kana ch'ufa aka indeenne kitaaba keesa t'aafi Yoshuati soomi: anini gosa Amaleki ch'ufa imfit'a, aka iti deebiani maqa worraa lafa tana irati inqaabanne.
Worri gosa Amaleki Refidimuti d'ufe worra Israeli had'e.
Tanaafi duuba eegi AABBO Waaqi keesani lafa ch'ufa isanii kenne, nyaapa isaani d'aatu jiru ch'ufa isani dura baase, lafa nagaya tolche, jabaad'a, worra gosa Amaleki ch'ufa hobaasa, aka deebiani maqa worra nami lafa irati inqaabanne. Dubbi tana inded'ina.
Jennaani AABBO Waaqi jaallaboota worraa kenne ka harka worra worra saamu keesaa baaftu.