24 AABBO Waaqaa saalfad'a, garaa tokochani isa hojad'a, illakisina, waan jabdu inni isanii tolchele qaabad'a.
Isani ana, AABBO Waaqa keesani, ch'aqasu maltani, duuba anini harka nyaapa keesani keesaa isani baasa.
Waaqi waan namaani jed'e, sodaani Waaqaa qarooma, ch'ubbu lakisitini hubacha.
Nami qalbi horachuu fed'u qaraa fiit'e AABBO Waaqa sodaachuu male. Nami gorsa isaa gula deemu ch'ufti qalbi dansa argata. Haga jiru jireenna ha isaa faarsani.
Seera kanke aka dansaa na guuchisiisi aka anini inch'eerfanne.
D'iigi mana dibani akheekha isanii taha. Yo anini d'iiga suni arge, isani bira dabra, duuba gaargali anini lafa Misiritiini d'ufu tokoleeni isani ingahu.
Nami qalbi horachu fed'u, qaraa fiit'e AABBO Waaqa sodaachu male. Daalleeni qarooma tufate woi barachu diddi.
Eegi waan kana ch'ufa jecha toko ch'allati hafa: Waaqa sodaad'i, seera isaa gula deemi; wonti akanatiifi wonti nama iraa fed'ani tana.
Hojja jila tolfatani, isani, kiraariifi dibbeefi fulludo d'ooftani — daad'ile d'uddani. Ammo isani waan AABBO Waaqi tolchu womatu indaartani,
Yesoni Nathanieli gara isaa d'ufu arginaani, waan isaa dubbate waan jed'e, Me ilaala, nama Israeli ka d'ugaafi, d'arti tokoleeni isa keesa injirre.
Tanaafi oboleyaani tiyya maro naasu Waaqa guddotiifi anini isani kad'ad'a; aka sorio jirtu Waaqaa ufi baasa huji isaa hojad'a isa gammachiisa. Tunini aada d'ugaa ta isani tolfachuu maltani.
Isaa faarsa, inni Waaqa keesani, isanileeni waan mama jabdu inni isani tolche ya iluma teesaniini agartani.
Tunini dubbi wold'aqisa ta AABBO Waaqi Musani, lafa Moabu keesati, worra Israeliti himi jed'e; dubbini wold'aqisa tunini dubbi AABBO Waaqi gaara Sinaiti dubbateniti ta d'ibi.
Musani worra Israeli ch'ufa wolti yaame waan jed'eeni, Isani ila teesaniini waan AABBO Waaqi hayyu Misiritiifi hojattu isaatiifi lafa isaa ch'ufu tolche ya agartani.
wonti akanatiifi Waaqi keenna ibida wo balleesu.
Duuba Yoshuani ammalle waan jed'eeni, AABBO Waaqa sodaad'a d'ugaafi garaa tokooni isa hojad'a. Waaqoota d'ara ka ababooti teesani duri galaana Frati gammafi lafa Misiri keesati kad'atte d'id'imati d'aa, AABBO Waaqa ch'alla hojad'a.