19 waan Samuelini jed'ani, Aabba AABBO Waaqa kanke nu kad'ad'i, aka nu indoone. Amma nu ya argine, ch'ubbu qara taani malele aka nu waan hayyu kad'anneefi ch'ubbu d'ibi keesa bune.
waan nani jed'ani, Aabbo, woi si kad'anna, waan suni nuu guuti! AABBO Waaqa keenna nu kad'ad'i, nuu nama hafe kana ch'ufaa jed'i, kad'ad'i. Nu duri nama heddu, ammo amma tana aka atini agarte kana nama diqa tokoti hafe.
Yo nami oboleesa ufii ka daba nama ijeesu tolchu arge, ha Waaqa kad'atuufi: aka Waaqi jireenna isaa keennu. Wonti kunini waan nama daba nama ijeesa intolchiini dubbatti. Ammo dabi nama ijeesu injira; anini, daba kana Waaqa kad'ad'a isaniini injed'u.