1 Samueli 10:25 - KITAABA WAAQA25 Samuelini aadaafi huji hayyu biyyati hime eege kitaaba keesati t'aafe, fulla woyyuma AABBO Waaqa dura kaye. Jennaani Samuelini nama ch'ufaani worra keesaniti gala jed'e gad'iise. အခန်းကိုကြည့်ပါ။ |
Yoshuani eebaafi dubbi taanaani worra galche waan jed'eeni, waan horattani kanani worra keesaniti gala: loonifi qarsiifi worqifi sibiila diimafi guraachafi woya heddu argattani. Waan nyaapa keesani iraa boojitani oboleyaani teesaniini gaha. Inni jecha kana buufannaani worri kae gale. Musani yayu gosa Manase ta gariti lafa Yordani ilaboru kenne, ammo gosa Manase taani d'ibi Yoshuani yayu lafa galaana Yordaniti ila adu gosa d'ibi woliini kenneefi.