Namicha dureesa tokoti jira, ka Kishi jed'ani, ka gosa Benjamini, ka guddo gurra qabu; inni ilma Abieli, ka ilma Zerori, ka ilma Bekorathi, ka ilma Afia.
Inni ilma toko ka kaima, ka maqaani isaa Saulo, ka ammalle guddo mid'aaga qaba, Sauloni nama guddo d'eeratu nami Israeli keesa jiru ch'ufti ka gurmu isaa dabru injiru. Ammalle nama lafa suni keesa jiru ch'ufa inni ira mid'aaga.