18 waan ch'ufa keesati galata deebisa. Wonti Waaqi isani ira fed'u tana, jireenna keesani ka Kristo keesa jiru.
Anini qulluma d'alad'e gaafa duulle qulluma dua. Waan kanale Abbuma Waaqati naa kenne, ammalle isumati fud'ate, maqa isaa ha faarsani!
Anini hojja ch'ufa AABBO Waaqaa galata deebise, guyya ch'ufale,
Danielini aka seera suni beesisa ira kayani d'ageennaani kae gale. Dereshani mana isaa toko Yerusalemuti fuula deefata. Duuba inni akuma aada isaa kaani deresha suni bane, artiti jilbiifate, guyya keesa maro sadi Waaqa kad'ata.
Waan ch'ufa keesafi hojja ch'ufa Waaqa Aabbo galata deebisa, maqa Aabbo Yeso Kristotiini.
Waan tokole inqulqulliina, ammo kad'acha teesani ch'ufa keesati waan feetani ch'ufa Waaqa kad'ad'a guyya ch'ufa galata Waaqaa deebisa.
Waan isani jettaniifi waan tolchitani ch'ufa keesa maqa Aabbo Yesotiini tolcha, ammalle maqa isaatiini Waaqa Abba galata deebisa.
Wonti Waaqi isani iraa fed'u tana: inni isanii qulqullooftani algalooma lagattani fed'a.
Waan kanaafi nu hojja ch'ufa faaru teenna aka sorio Waaqaa baasu malle, maqa Yesotiini; akasi jechaani hojja ch'ufa qonqo teennaani maqa isaa faarsina.
Fed'iini Waaqa tana: aka isani hasaa daalluma, ka worra woma imbeenne, huji teesani dansaani ch'allisiiftani.
Armaa achi jireenna keesani ch'ufaani fed'i Waaqa keesa taa, d'araa nafa lakisa.
Lafafi d'araani isileeni indabarti, ammo nami fed'i Waaqa tolchu haga hegeri taa.