Anini ya waan ch'ufa isani agarsiise, aka nu akasi hojanne nama lalaafa qarqaaru malle. Ammalle dubbi Aabbo Yesoni jed'e qaabad'a, ta inni, Wonti kennani waan fud'atani ira eeba qabdi jed'e.
Gumi keesaleti Waaqi ya nama ch'ufa fulla ufi kenneefi: qaraa fiit'e ergattu, ta lameeso raagoota, ta sadeeso barsiiftu; duuba jara waan mama tolchuufi ka d'ukuba fayyisufi ka nama qarqaarufi ka nama dura deemuufi jara afaani d'ibiini dubbatu.
Ammo maro eeba Waaqaatiifi anini akuma jiru jira, eebiti inni naa kenne ufumaa imbanne. Ammo, anini ergattu ch'ufa ira jabaad'e hojad'e, ato waan anini ufiini tolche tahu d'ibaatele, ammo eeba Waaqaati na keesa tolche.
Worri hojattu Kristoti? Aka maraata dubbad'a — ammo anini hojattu Kristo ka worra ira jiru. Anini ya worra ira hojad'e, ya worra ira na hid'ani, ya worra ira na d'aanani, ya worra ira duisati d'iaad'e.
Gara malaika gumi Sardi waan kana t'aafi: Tunini dubbi nama lubbu Waaqa torbaafi urji torba harkaa qabu. Anini waan atini tolchitu imbeekha; atini maqa nama jiru qabda, ammo la doote.
Gara malaika gumi Filadelfia waan kana t'aafi: Tunini dubbi nama qulqullotiifi ka d'uga, ka fura Daudi harkaa qabu, ka yo inni bane nami tokoleeni dandae inch'umne, yokhaani yo inni ch'ufe nami tokoleeni dandae imbanne.