16 Qonqo jabeennati d'ufa, qonqo malaika guddo, qonqo magalata Waaqa, Aabbooni gaafasi gubbaa gadi bua! Worri ato Kristo d'ugefatu due qara duisa keesaa kaa;
Yesoni waan isaani jed'e, Atu ya jette. Ammo waan anini isaniti himu, Eegi arra, Ilma Nama ka harka mirgicha Waaqa Gudda tae, dumansa gubbatiini gadi deebiu argitani.
Malaikaani guddooni Mikaelileeni waan akana kana taka intolchine. Gaafa inni reefa Musa irati Sheet'anaani woldidani, Mikaelini Sheet'ana arabsu dide waan jed'eeni, Aabbooni si gorsinna!
Me ilaali, inni dumansa keesa d'ufuu jira! Nami ch'ufti isa arga, jari duri isa woraaneleeni. Gochiti lafa ch'ufa maro isaatiifi booti. Ha akasuma taatu! Amini.