9 Ammatana maro teesaniifi galata Waaqa deebisu indandeenna. Nu galata Waaqaa deebimna waan isanii jenne gammada arganeefi.
Daudini waan jed'eeni, Anini AABBO Waaqa ka abbeetifi worra keesani lakise na fohate gudda worra Israeli na tolche durati sirbu jira. Ammalle akuma kana deebie isa durati sirbe,
Hayyu Hezekiafi jaaroleeni waan baasani kana ch'ufa agarte jennaani AABBO Waaqa faarsite gumi isaa ta Israeli eebifte.
Jari Lawi kunini Yeshua, Kadmieli, Bani, Hashabneya, Sherebia, Hodia, Shebaniafi Pethahiyaleeni waan biyyaani jed'ani: Olkakaa, AABBO Waaqa keesani haga jiru jireenna faarsa! Nami ch'ufti ha maqa isa gudda faarsu, ato faaruni isa geetu jiraachu baatele.
Wonti anini maro dansuma isatifi AABBO Waaqaa baasuu male maani?
Ammo nami d'uga ha gammade isa durati qilit'amu.
Ammo galati Waaqa imbadiini! Yo nu Kristo keesa jirru, Waaqi hojja ch'ufa aka nama Kristoni boojie dabsachaani galchu nu yaasa. Aka urgaa qayyaa ka fulla ch'ufaa yaatu, Waaqi nama ch'ufati Kristo nuuni mullisa.
Maro qarqaarsa gudda kanatifi galata Waaqaa deebisu malle.
Isanifi ilmaani teesanifi hojattu teesanifi worri Lawi ka dira keesani keesa tauleeni waan Waaqaa baasani kana AABBO Waaqa keesani ch'alla durati soorad'a fulla kad'acha ta AABBO Waaqi keesani fohate suni ch'alla keesati soorad'a. Ammalle waan tolchitani ch'ufa ira gammadu maltani.
Lafa isani fud'attani suni keesati, fulla worri lafa suni waaqa worraa iti kad'atu ch'ufa, gaara d'ed'eerafi kubile gubba taanaani, mukeeni dodoti jala taanaani, balleesa.
AABBO Waaqa keesani durati gammada, isani, ilmaani teesani, hojattu teesani, worra gosa Lawiti, keessuma teesani, hiyyeeyifi nad'eeni hiyyeeyi ta dira keesani keesa teetu. Jila suni fulla AABBO Waaqi fohateeti tolfad'a.
Taatule abdi teennaafi gammada keennafi wonti nu fuula Aabbo Yeso durati, yo inni deebiu, ufi guddimnuufi isanumaaniti?