7 ato aka ergattu Kristo nu waan feenu sila dandeenne isani ira barbaannele. Ammo nu gaafa isani woliini jirru guddo isani qorqoranne, akuma haati ijoolle ufi qorqorattu.
Ato laafinnaani maskali gubbati isa ijeesanile, jabeenna Waaqaatiini amma jira. Nuleeni isa keesa lalaafo; ammo jabeenna Waaqa ka gara keesani jiruuni isa woliini teenna.
Ammo qalbiini gubba gadi d'uftu qara qulqullo, ammalle ta nagaya, ta laana, ta nama ch'aqaftu, ta naasufi mid'aani dansa qabdu, ta tuffifi kiyyiba inqamne.