Biblia Todo Logo
အွန်လိုင်း သမ္မာကျမ်းစာ

- ကြော်ငြာတွေ -




Wongeela Maatewos 9:2 - Waadaa Haarawa

2 Achii'llee namoonni siree irra ka ciisee jiru, nama naafa tokko qabatanii gara isaa ni fidan. Inni'llee amantii isaanii laalee naafttichaan, «Yaa ilma kiyya! Jabaadhu, cubbuun kee siif dhiifamee jira» jedheen.

အခန်းကိုကြည့်ပါ။ ကော်ပီ

WAADAA LAMMATAA

2 Jarri tokko achitti namicha nafti isaa laamshayee itillee irra ciiseeru tokko gara isaa fidan. Yesuus hennaa amantaa isaanii arge, namicha laamshayaa saniin, «Ilma kiyya, jabaadhu! Cubbuun kee sii dhiifameeraa» jedheen.

အခန်းကိုကြည့်ပါ။ ကော်ပီ

Kitaaba Woyyuu

2 Jarri tokko achitti namicha nafti isaa laamshayee itillee irra ciiseeru tokko gara isaa fidan. Yesuus hennaa amantii isaanii arge, namicha laamshayaa saniin, «Ilma kiyya jabaadhu! Cubbuun kee sii dhiifameeraa» jedheen.

အခန်းကိုကြည့်ပါ။ ကော်ပီ




Wongeela Maatewos 9:2
32 ပူးပေါင်းရင်းမြစ်များ  

Yesus'llee ufi irra garagalee laaleeniiti, «Jabaadhu yaa intala tiyya! Amantiin kee si fayyisee jira» jedheen. Dubarttiin'llee bakkumatti ni fayyite.


Garuu, «Ati amantii ni qabdda, Ani'llee hujii mishaa ni qaba» ka jedhu yoo jiraate, «Amantii kee hujii irraa fooyiitii natti muldhisi, ani'llee hujii kiyyaan amantii kiyya sitti ni mulidhisa» ni jedhaan.


Sababa kanaan'llee qaama Phaawulosii uffanni tuqee fi subbee fudhata'aa dhukubbsattoota yoo tuqissiisan dhibee isaanii irraa ni fayyan ture, hafuurronni battiiwwan'llee isaan keessaa ni baya ture.


Yesus'llee, «Yaa ijoollee tiyya! Qurxummii woyii ni qabddanii ree?» isaaniin jedhe. Isaan'llee, «Womaa hin qabnnu» jedhaniin.


Yesus'llee kana yeroo dhagayetti ni maalalffate, isa horddofan namoota turaniin'llee akkana ni jedhe, «Dhugamaan isiniin jedha, amantii hagana gayu guddaa ka qabu, nama tokko'llee Israa'eelumaan keessattuu hin arganne.


Maqaan isaa'llee biyya Soriya'aa mara keessatti waan dhagayameef, namoonni worra dhukkubaa fi dhibee adda addaatiin makkaraaran, worra hafuuronni battiiwwan irra bulan, dhukkuba gaggabdo'oo worra qabanii fi naafota mara'llee gara isaa ni fidan, inni'llee isaan ni fayyise.


Kana qofa'llee uduu hin ta'in Waaqaan woliin araara ka itti arganne karaa Gooftaa keenna Yesus Kristositiin'llee, Waaqaan ufi ni dhadinna.


Naminni kun Phaawulos yoo dubbatutti taa'ee ni dhageeffata ture, Phaawulos'llee namicha guutatee laaleeti, amantii fayyu'uun isa gayu akka qabu yeroo argetti,


Kana isinitti dubbachuun kiyya ana keessa taatanii nageenna akka qabaattaniif jedheeti, biyya lafaa kana irra haga jirttanitti rakkinnatu isinitti jira, garuu jabaadhaa, ani biyya lafaa injifadhee jira.»


Garuu Ilmi Namaa arddii irratti cubbu'uuf dhiifama taasisu'uuf aangoo akka qabu, akka beekitaniif» namicha naafttichaan, «Ka'ii siree kee baadhadhuutii, gara mana keetii deemi!» jedheen.


Yeroo dhiitetti'llee namoonni namoota jinni'iin qabaman dhukkubisatoota baayi'ee gara Yesusii ni fidan, inni'llee dubbii isaatiin hafuurota battiiwwan jinni'ii isaan keessaa ni baase, dhukubsatoota mara'llee ni fayyise.


inni waan onnee namaa keessa jiru maraa ni beeka waan tureef, waayee namaa eennu'llee akka isatti himuuf hin barbaachifnne ture.


Inni'llee, «Yaa mucattii tiyya, amantiin kee si fayyisee jira, nagayaan deemi, makkaraarnna kee irraa'llee fayyi» jedheen.


Aduun aseenittee yeroo dhiiyetti'llee namoonni dhukkubisattootaa fi worra jinni'iin qabaman mara qabatanii, gara Yesusii ni fidan.


Akkuma nu'llee worra nu miidhaniif dhiifama taasfnnu, balleessaa keenna nuuf dhiisi,


Haa ta'u malee, ‹cubbuun kee siif dhiifamee jira› jechu'uu fi ‹ka'iitii deemi!› jechuu, kamittu irra salpha'a?


Yesus'llee bakkumatti, «Jabaadhaa! Anaa hin sodaatinaa!» isaaniin jedhe.


Marrinuu yeroo isa arganitti, ni nayan. Inni garuu bakkumatti, «Jabaadhaa!, Anaa bee hin sodaatinaa!» isaaniin jedhe.


Yesus'llee dhaabateeti, «Waamaanii!» jedhe, isaan'llee jaamichaan, «Jedhi amma jabaadhuu ka'i! Yesus si waamaatii!» ni jedhaniin.


Guyyaa itti aanutti halkan Gooftaan Phaawulosiin bira dhaabatee, «Jabaadhu Yerusaalemtti akkuma ragaa naaf baatetti, akkuma kana Rooma'atti'llee raagaa naaf baayuun sirraa ni mala» jedheen.


ကြှနျုပျတို့နောကျလိုကျပါ:

ကြော်ငြာတွေ


ကြော်ငြာတွေ