Biblia Todo Logo
အွန်လိုင်း သမ္မာကျမ်းစာ

- ကြော်ငြာတွေ -




Wongeela Maatewos 4:3 - Waadaa Haarawa

3 Qormmaataan gara Yesusii dhufee, «Ati Ilma Waaqaa yoo taate mee, dhagaayyii kanniin buddeena akka ta'aniif ajaji!» jedheen.

အခန်းကိုကြည့်ပါ။ ကော်ပီ

WAADAA LAMMATAA

3 Achiin maayessa ataabtichii gara isaa dhufee, «Ati Ilma Rabbii yoo taate, dhagaa kana xoroshoo akka ta'u ajaji» jedhe.

အခန်းကိုကြည့်ပါ။ ကော်ပီ

Kitaaba Woyyuu

3 Achiin maayessa ataabtichi gara isaa dhufee, «Ati yoo Ilma Rabbii taate dhagaa kana akka xoroshoo ta'u ajaji» jedheen.

အခန်းကိုကြည့်ပါ။ ကော်ပီ




Wongeela Maatewos 4:3
34 ပူးပေါင်းရင်းမြစ်များ  

Hoboloo irra worri turan marrinuu, «Dhugamattuu ati Ilma Waaqaa!» jedhanii, Yesusiif ni sagadan.


Yeroo sanitti Simoon Phexiros, «Ati Ilma Waaqa jiraata'aa Masihicha» jechu'uun, ni deebiseef.


Yesus garuu ni caldhise. Itti gaafatamaan qeesotaa'llee irra deebi'ee Yesusiin, «Maqaa Waaqaa jiraata'aatiin si qabee jira! Ati Ilma Waaqaa Masihicha akka taate nutti himi!» jedheen.


Yeroma sanitti, «Kunoo, ka ani itti gammadu fi jaaladhu, Ilmi kiyya kana» qooniqqi jedhu, sami'ii ni dhufe.


Hafuuronni battiiwwan'llee yeroo isa arganitti isa duranatti kufa'aa, «Ati Ilma Waaqaati!» jedha'aa, ni iyyan ture.


Qoonqqa ol aana'aan'llee iyya'aa, «Ati Ilma Waaqa ol aana'aa yaa Yesus! Ati anaan woliin dhimma maal qabddaa? Maqaa Waaqaatiin si ni kadhadha, yabo'oo ana hin makkaraarsin!» jedheen.


Maleeyikkichi'llee akkana jechu'uun ni deebise, «Hafuurri Qulqulluun gara kee ni dhufa, humnniti Waaqa Ol Aana'aa'llee si irra ni ta'a, kanaaf daai'minni si irraa dhalatu'llee Qulqullu'u, Ilma Waaqaa ni jedhama.


Marrinuu tokkumma'aan, «Eegaa ati Ilma Waaqaatii ree?» jechu'uun, ni gaafataniin. Inni'llee, «Ee, akkuma isin jettan» isaaniin jedhe.


Sheexanni'llee Yesusiin, «Ilma Waaqaa yoo taate, mee dhagaa kana buddeena akka ta'u ajajaji!» jedheen.


Jinniiwwan'llee, «Ati Ilma Waaqaati!» jedha'aa iyyu'uun, namoota baayi'ee gad dhiisa'aa ni bayan ture, inni Masihicha ta'uu isaa'llee beekaniinii turan. Yesus garuu waayee isaa womaayuu akka hin dubbanneef isaanitti baanachu'uun, isaan ni dhoogga ture.


Saniin duubatti'llee sheexanni Yesusiin gara Yerusaalemii ni fideen, baaxii Mana Waaqeffanna'aa irra akka dhaabatu isa taasisee, akkana'llee ni jedheen, «Ati Ilma Waaqaa yoo taate, mee asi gad utaali bu'i,


Ani'llee kana argee jira, kanaaf inni Ilma Waaqaa ta'uu isaa ragaa ni baya.»


Yeroo sanitti Naatinaa'el, «Yaa Barsiisaa! Ati Ilma Waaqaati! Ati nugusa worra Israa'eeliiti!» jedhe.


garuu Yesus Masihii Ilma Waaqaa ta'uu isaa akka amanttanii fi amanttanii'llee maqaa isaatiin jireenna bara baraa akka argattaniif, kun barreeffamee jira.


Akka namicha bakka wolgayii isaaniitii baasaniin Yesus ni dhagaye, yeroo argateentti'llee, «Ilma Namaa titti ni amanttaa moo?» jedheen.


Bakkumatti'llee Saa'ol Damaasqo'otti, «Yesus Ilma Waaqaati» jedha'aa, bakka woligayii isaanii titti barsiisuu jala ni qabe.


Anii fi Siilaas, Ximotewos'llee Ilmi Waaqaa Yesus Kristosiin ka isiniif lallabnne yeroo maraa, «Ee» jecha jedhu qofaan malee, «Ee yookiin miti jecha jedhu» ka asii fi achii jedhuun hin turre.


Ani Kristosiin woliin akkuma waan fannifamee titti waan laakkayuuf ammaa achitti Kristos ana keessa ni jiraata malee lubbuu kiyyaaf ka jiraadhuu miti, amma'llee qaama kiyya ka fooniitiin ka jiraadhu ka ana jaalatee fi waayee kiyyaaf'llee mataa isaa dabarssee ka kenne, Ilma Waaqaa titti amanu'uun jireenna argamuun.


Waayee kanaan ammaa achitti obissaan eeguu dadhabuu kiyyaan waayee amantii keessan beeku'uuf barbaadee Ximotewosiin gara keessan ni ergeen, isa'llee sababaan ergeef qorataan yookiin karaa tokkoon isin qormaatee ni ta'a, hujiin keenna'llee tasa ta'ee hafee jira jechu'uun sodaadheeti.


Sagaagalaa ka ta'e yookiin nyaata yeroo tokkootiif jedhee hangafummaa isaa akka ka gurguree akka Esaawuu heeybayaa naminni ta'e, akka hin argaminneef ufi eeggadhaa.


Eegaa samiiwwan bira dabrree gara olii gara sami'ii ka baye itti gaafatamaa qeesotaa ol aanaan waan qabnnuuf, amantii keenna jabeessinee haa qabannuu, itti gaafatamaan qeesotaa'llee Ilma Waaqaa Yesus.


Malkeeseedeqi kitaaba keessatti abbaa beekkamee fi haadha yookiin gaalee dhalootaa hin qabu, baraaf jalqaba, jireenna isaatiif'llee muummee hin qabu, Malkeeseedeqiin kun'llee akka fakkeenna Ilma Waaqaa ta'uu isaatiin, bara baraan qeesii ta'ee ni jiraata.


Sheexanni jalqabumaayyuu kaasee cubbuu waan hojjatuuf, cubbuu ka hojjatu marrinuu worra sheexanaati. Ilmi Waaqaa ka muldhateef'llee hujii sheexanaa diigu'uuf.


Ufi durana rakkinna sirraa gayu hin sodaatin, kunoo, akka qormaattamtaniif isin keessaa tokko tokko sheexanni gara mana hidha'aa titti isin ni galcha, guyyaa kudhaniif'llee rakkinna ni fudhattan, haga du'aa titti'llee amanamaa ta'i, gonfata jireennaa siif ni kenna.


ကြှနျုပျတို့နောကျလိုကျပါ:

ကြော်ငြာတွေ


ကြော်ငြာတွေ