Biblia Todo Logo
အွန်လိုင်း သမ္မာကျမ်းစာ

- ကြော်ငြာတွေ -




Wongeela Maatewos 2:4 - Waadaa Haarawa

4 Itti gaafatamoota qeesotaa maraa fi barsiisota ummataa ka seeraa wolitti qabee, Masihiin ka dhalatu garamtti akka ta'e, isaan ni gaafate.

အခန်းကိုကြည့်ပါ။ ကော်ပီ

WAADAA LAMMATAA

4 Inni bulchoota gadootaatii fi barsiisoota Seera Muuse'ee wolitti qabee, «Kiristoos eessatti dhalata?» jedhee isaan gaafate.

အခန်းကိုကြည့်ပါ။ ကော်ပီ

Kitaaba Woyyuu

4 Inni bulchoota gadootaatii fi barsiisoota Seera Muuse'ee wolitti qabee, «Kiristoos eessatti dhalata?» jedhee isaan gaafate.

အခန်းကိုကြည့်ပါ။ ကော်ပီ




Wongeela Maatewos 2:4
30 ပူးပေါင်းရင်းမြစ်များ  

Yeroo kanatti jeeqamnni ol aanaan ni ta'e, barsiisonni gara worra Fariisootaatii ta'an tokko tokko'llee ka'aniiti, «Nu nama kana irratti waan hamaa woyiituu hin arggane! Hafuurri yookiin maleyikkaan itti dubbatanii ta'a, nu maal beekinna?» jechuun ni mormmaniif.


Bifa kanaan ummataa fi jaarsotii, barsiisota seeraa'llee, isa irratti ni kakaasan, gara Isxifaanosiin'llee dhaqaniiti, qabanii yaa'ii duratti ni dhiyeessaniin.


Yesus'llee gara Mana Waaqeffanna'aa aseenee ni barsiisa ture. Yeroo sanitti itti gaafatamoonni qeesotaatii fi jaarsotiin ummataa gara isaa dhiyaataniiti, «Kana mara ka raawwattu aangoo maali'iitiin? Aangoo kana ka siif kenne eennu?» jechu'uun, ni gaafataniin.


Ka baaseffatan'llee inni akka barsiisota isaanii ka seeraa titti uduu hin ta'in, akka nama aangoo qabuu titti, isaan barsiisa waan tureef.


Guyyaa itti aanutti itti gaafatamoonni Yihudotaatii fi jaarsonni, barsiisonni seera'llee Yerusaalemitti wol ni gayan.


Kanaaf Yihudaan miseensa lolttootaa tokko, akkuma kana itti gaafatamoota qeesotaatii fi Fariisota biraa worra ergaman, itti gaafatamoota wordiyyootaa qabatee gara bakka sanii ni dhufe, isaan'llee faanosaa fi xomborraa, meeshaa woraanaa'llee, qabatanii jiran ture.


Barsiisonni seeraatii fi Fariisonni dubarttii uduu sagaagalttu qabamtte fidaniiti, ummata jidduu ni dhaabachiisaniin.


Namoonni waayee Yesusii hasaassi'iin yoo dubbatan Fariisonni ni dhagayan, kanaaf itti gaafatamoota qeesotaatii fi Fariisonni Yesusiin qabu'uuf, wordiyyoota Mana Waaqeffanna'aa ni ergan.


Yesus'llee akkana jechu'uun ni deebiseef, «Ati barsiisaa Israa'eelii taatee uduu jirttu, kana hin beekittuu moo?


Itti gaafatamoonni qeesotaatii fi barsiisonni seeraa, achi dhaabatanii akka malee ni himataniin ture.


Barsiisonni seeraatii fi itti gaafatamoonni qeesotaa fakkeenna kana isaan irratti akka dubbate beekanii, yeroo sanitti isa qabu'uuf barbaadanii turan, garuu ummata ni sodaatan.


Yesus'llee barattoota isaa akkana jechu'uun isaan barsiisuu jala ni qabe, «Ilmi Namaa rakkinna baayi'ee fudhachuun isaa ni mala, jaarsotaan, itti gaafatamoota qeesotaatii fi barsiisota seeraa biratti'llee ni tuffatama, ni ajjeefama'lle'e, haa ta'u malee guyyaa sadihiin duubatti ni ka'a.»


Ganama obboro'oon itti gaafatamoonni qeesotaatii fi jaarsotiin ummataa marrinuu, Yesusiin irratti murtii du'aa murteessisu'uuf, ni mari'atan.


Uduma Yesus dubbata'aa jiru kunoo, barattoota isaa kudha lamaan keessaa tokko ka ta'e Yihudaan ni dhufe, isa woliin'llee billayaa fi ulee ka qabatan namoonni baayi'een ni dhufan, isaan'llee itti gaafatamoota qeesotaatii fi jaarsotii ummataa biraa worra ergaman turan.


Yeroo sanitti itti gaafatamoonni, qeesotaatii fi jarsotiin ummataa, moonaa itti gaafatamaa qeesotaa titti wol ni gayan.


Garuu itti gaafatamoonni qeesotaatii fi barsiisonni seeraa, waan baasaa ka Yesus raawwate arguu isaaniitii fi daai'mman'llee Mana Waaqeffanna'aa titti, «Ilma Daawiitiitiif Hosaa'inaa! Galanni haa ta'u!» jedha'aa yoo iyyan, dhagayuu isaaniitiin ni dallanan.


Inni'llee, «Eegasuu waayee dhossaa Mootummaa Sami'ii ka sirri'itti beeku barsiisaan seeraa, mana kuusaa meesha'aatii haarawa ka ta'ee fi moofaa ka ta'e ka baasu, abbaan qabeennaa fakkaata» jechu'uun, isaaniif ni deebise.


Nugufnni Heerodis'llee kana yeroo dhagayetti ni naye, namoonni Yerusaalmii marri'llee isa woliin ni nayan.


Isaan'llee akkana jechu'uun ni deebisaniif, «Nabiyyichaan raaginni akkana jedhu waan barreeffameef, Masihiin ka dhalatu, arddii Yihuda'aa magaalaa Beetelihemitti,


ကြှနျုပျတို့နောကျလိုကျပါ:

ကြော်ငြာတွေ


ကြော်ငြာတွေ