Biblia Todo Logo
အွန်လိုင်း သမ္မာကျမ်းစာ

- ကြော်ငြာတွေ -




Wongeela Luqaas 8:3 - Waadaa Haarawa

3 Ajajaa mana Heerodisii ka ture haadha worraa Kuuza'aa Yohannaan, Soosinna'aa fi tuunniin'llee baayi'eewwan ni turan, dubarttoonni tunniin Yesusii fi barattoota isaa, qarshi'iin isaaniitiin ni tajaajilan turan.

အခန်းကိုကြည့်ပါ။ ကော်ပီ

WAADAA LAMMATAA

3 Yohaannaan haadha manaa Kuuza'aa ajajaa Heerodisii Soosina'aa fi namoonni kuuwwanillee heddu ta'anii birrii ufiitiin isa tajaajila'aa turan.

အခန်းကိုကြည့်ပါ။ ကော်ပီ

Kitaaba Woyyuu

3 Yohaanaan haadha manaa Kuuza'aa ajajaa Heerodisii, Soosina'aa fi namoonni kuuwwanillee heddu ta'anii birrii ufiitiin isa tajaajila'aa turan.

အခန်းကိုကြည့်ပါ။ ကော်ပီ




Wongeela Luqaas 8:3
19 ပူးပေါင်းရင်းမြစ်များ  

Yeroo sanitti bulchaan kutaa biyya Galiila'aa ka ture Heerodis, waayee gurroo Yesusii ni dhagaye.


Heerodis'llee Yohaanisiin qabssiisee mana hidha'aa titti hisiseenii jira ture, kana'llee ka raawwate haadha worraa obboleesa isaa Filiphosii ka turtte, sababa Heerodiyaada'aatiin.


Guyyaa dhaloonni Heerodisii itti kabajamutti intaltti Heerodiyaasii dhufittee, worra afeeramttoota duranatti sirba'aa, Heerodisiin ni gammachiiftte.


gara manaa'llee aseenanii daa'ima haadha isaa Maariyaamiin woliin uduu jiru ni arganiin, kufanii'llee ni sagadaniif, sanduuqota isaanii'llee bananii kennaa worqqi'ii, ixaanaatii fi qumbi'ii'llee ni dhiyeessaniif.


«Yeroo dhiyetti'llee abbaan bakka biqilttuu woyinni'ii itti gaafatamaa huji'iitiin, ‹hojjattoota waamiitii worra muummee irratti mindeeffaman irraa jalaqabddee, haga worra duran mindeeffamanii titti, gatii hujii isaanii kafali!› ni jedheen.


Nugusichi'llee, «dhugamaan isiniin jedha, kanniin obboleeyyan kiyya keessaa ka gad aanaa ta'e tokkomaafuu wonitti raawwattan marrinuu, akka waan anaaf raawwattaniiti!» jechu'uun, isaanii ni deebisa.


hiyyeeyyiin yeroo maraa isinuma woliin jiran, ani garuu yeroo mara isin woliin asitti hin ariggamu.


Fagoo ta'anii ka laalan dubarttoonni baayi'een'llee, achi ni turan, isaan'llee Galiila'aa jala qabanii Yesusiin tajaajila'aa ni horddofaniin worra turan.


Kana'llee ergamittootatti ka dubbatan Maariyaam magdalaa, haadha Yohanna'aatii fi Yaaqoobii Maariyaamiin, akkuma kana dubarttoonni bira'aa'llee ni jiran turan.


Inni'llee kana ka dubbateef hiyyeessotaaf gaddee uduu hin ta'in hattuu waan tureef, qaraaciitii qarshi'ii ka qabu isa waan ta'eef, qarshii qaraaciitii keessa kaayamu irraa fudhachuu barateeti.


Woldaya amantiii ta Anxokiyaa jirttutti nabiyyoota jedhamanii ka waamaman wongeela lallabddootaa fi barsiisonni ni jiran turan, isaan'llee, Baarnaabaas, gurraacha ka jedhame Simooniin, Luukiyosii Qareena'aa, bulichaa kutaa bara arfaffa'aa woliin guddate Heerodisii ka turan Maanaahee fi Saa'olii'llee ni turan.


Isin kennaa bilisaa ka Gooftaa keenna Yesus Kristosii ni beekittan, inni yoma dureessa ta'e'llee hiyyeessa ta'uu isaatiin, isin dureeyyii akka taataniif waayee keessaniif jedhee hiyyeessa ni ta'e.


Amanttoonni kuunniin marri'llee keessummaanuu, maatiiwwan worra nugusa Roomaa ka ta'an, nagaya isinii ni dhiyeessan.


Akkuma kana ijoollee akka ta'utti guddisu'uun, keessummaa simachu'uun, miila worra Qulqullu'uu miicu'uun, worra rakkatan gargaaru'uu fi hujii mishaa kamiin mara hojjachu'uun, hujii mishaa ta'e maraaf'llee, ta hisattu ta'uu qabddi.


ကြှနျုပျတို့နောကျလိုကျပါ:

ကြော်ငြာတွေ


ကြော်ငြာတွေ