Biblia Todo Logo
အွန်လိုင်း သမ္မာကျမ်းစာ

- ကြော်ငြာတွေ -




Wongeela Luqaas 7:2 - Waadaa Haarawa

2 Achi'llee ajajaa dhibbaa ka worra Rooma'aa tokko ni jira ture, inni'llee tajaajilaan jaaladhu haalaan jalaa dhukkubsatee du'aaf dhiyaatee jira ture.

အခန်းကိုကြည့်ပါ။ ကော်ပီ

WAADAA LAMMATAA

2 Ajajaan loltoota dhibbaa tokko gara isaa dhufee, hojjataan ani jaaladhu tokko dhukkubsatee du'uu gayeera.

အခန်းကိုကြည့်ပါ။ ကော်ပီ

Kitaaba Woyyuu

2 Ajajaan loltoota dhibbaa tokko gara isaa dhufee, hojjataan ani jaaladhu tokko dhukkubsatee du'uu gayeera.

အခန်းကိုကြည့်ပါ။ ကော်ပီ




Wongeela Luqaas 7:2
24 ပူးပေါင်းရင်းမြစ်များ  

Seera garbrumma'aa titti ka jirttan! bulchitoota teessan ka arddi'iitiif waan maraanuu ajajamaa, ka ajajamittan'llee isaan waan isinii arganii fi nama waan gammachiifttaniif mulidhachu'uuf uduu hin ta'in, Gooftaa sodaachu'uu fi qajeelluma onne'eetiin haa ta'u.


Ajajaan dhibaa ka achi ni jira ture waan ta'e yeroo argetti, «Dhugamaanuu naminni kun qulqullaayomaa ta'ee jira!» jedhee, Waaqaaf ulfinna ni kenne.


Kana'llee wonitti jedheef umriin isi'ii woggaa kudha lamaa ka ta'een intaltti isaa takka dhukkubisattee, qarree du'aa irra waan turtteef. Yesus'llee isa woliin uduma deema'aa jiru, isa horddofanii ka jiran namoonni baayi'een, wol hacuucu'uun wol ni dhidhiiban ture.


Ajajaan dhibbaatii fi isaan woliin Yesusiin ni eegan worri turan, sochii arddi'iitii fi waan ta'e maraa yeroo arganitti haalaan sodaatanii, «Dhugamaanuu kun Ilma Waaqaa ture!» jedhan.


Ajajaan dhibbaa garuu Phaawulosiin jalaa baasu'uuniif waan barbaadeef, yaada isaanii hin fudhanne, kana irra bishaan daakuu worri danda'an, durssanii doonii irraa gara garba ciisa'aa utaala'aa, gara lafaa titti akka bayaniif ni ajaje.


Guyyaa itti aanutti'llee gara Sidoonii ni geenne, Yuuliwoos Phaawulosiif nama mishaa waan tureef, gara waahellan isaa deemee gargaarssa barbaachisuun, akka raawwataniif ni eeyyameef.


Gara Ixaaliya'aa dooni'iin akka deemuuf yeroo murtteeffametti, Phaawulosii fi hidhamttoonni biraa'llee, kutaa hoomaa woraanaa Awugusxaa keessa ka turee, ajajaa dhibbaa Yuuliwoos jedhamutti isaan ni kennan.


Phaawulos'llee ajajoota dhibbaa keessaa tokko waamee, «Mucaan kun ajajaa woraanaa titti waan himu waan qabuuf, gara isaa dhiyeessiin» ni jedheen.


Ajajaan dhibbaa'llee kana yeroo dhagayetti gara ajajaa woraanaa dhaqee, «Maal raawwachu'uuf? Naminni kun lammii worra Rooma'aatii bee!» ni jedheen.


Maleyikkichi kana itti hime isa biraa fooyamee yeroo deemetti, Qorneelewos tajaajilttoota isaa keessaa lamaanii fi lolttoota kutaa isaatii ta'an keessaa, Waaqa ka sodaatu tokko waameeti,


Qiisaariyaa ka jiraatu Qorneelewos nama jedhamu tokkotu jira ture, inni'llee hoomaa woraana Rooma'aa jalatti, «Kutaa woraana Ixaaliya'aa» ka jedhamu keessatti, ajajaa dhibbaa ni ture.


Yesus kana maraa ummatatti dubbatee eega xumureen duubatti, gara Qifirnaahoomii ni deeme.


Ajajaan dhibaa'llee waayee Yesusii yeroo dhagayetti, jaarsota worra Yihudotaatiin, «Yabo'oo Yesus dhufee tajajilaa kiyya akka naa fayyisu deema'aatii naaf kadhadhaa» jechu'uun, isaan ni erge.


ကြှနျုပျတို့နောကျလိုကျပါ:

ကြော်ငြာတွေ


ကြော်ငြာတွေ