Biblia Todo Logo
အွန်လိုင်း သမ္မာကျမ်းစာ

- ကြော်ငြာတွေ -




Wongeela Luqaas 2:9 - Waadaa Haarawa

9 Kunoo, isaanitti maleeyikkaan Goofta'aa isaanitti ni muldhate, ifin ulfinna Gooftaan'llee naannoo isaanii titti ni ife, isaan'llee haalaan ni sodaatan,

အခန်းကိုကြည့်ပါ။ ကော်ပီ

WAADAA LAMMATAA

9 Maleekkaan Goofta'aa dimmaa isaanitti mudhatee, ulfinni Goofta'aallee isaanitti ifnaan bararraaqan

အခန်းကိုကြည့်ပါ။ ကော်ပီ

Kitaaba Woyyuu

9 Maleekkaan Goofta'aa dimmaa isaanitti mudhatee ulfinni Goofta'aallee isaanitti ifnaan bararraaqan.

အခန်းကိုကြည့်ပါ။ ကော်ပီ




Wongeela Luqaas 2:9
27 ပူးပေါင်းရင်းမြစ်များ  

Garuu waan kana yaada'aa uduu jiru, maleeyikkaan Goofta'aa eebjju'uun isatti mulidhatee akkana ni jedheen, «Fiixaa Daawiitii yaa Yooseef! Qaadhimaan kee Maariyaam ka ulfooftte Hafuura Qulqullu'uun waan ta'eef, isii gara mana keetii fudhachu'uuf hin sodaatin.


Maleeyikkichi'llee gara isi'ii dhufee, «Ati kennaa isaa ka bilisaatiin ta guuttamtte, nageenni si'iif haa ta'u! Gooftaan si woliin jira, [Ati dubarttoota jiddu'uu ta eebbifamtte]» isi'iin jedhe.


Naannoo sanitti'llee raasa'atti halkan gobbuu horii isaanii eeggata'aa worri bulan, tissitoonni ni jiran ture.


Waayee kanaatiin'llee maalalffachuu irra uduu jiran kunoo, uffata adii calaqisu ka uffatan, namoonni lamaa dhufanii isaa bira ni dhaabatan.


Isaayaas kana ka jedhe, ulfinna Masihii waan argeef, kanaaf waayee Yesusiitiif kana ni dubbate.


Yeroo sanitti maleyikkaan Goofta'aa ifatti ni muldhate, mana hidha'aa keessatti'llee ifin ni ife, maleyikkichi'llee Phexirosiin cinaacha dhayee dammaqiseeniiti, «Dadafaan ka'i!» jedheen, birbiraatonni'llee harkiin isaa irraa ni kufan.


Halkan dabrre ka isaa ka ta'e Waaqinni ani sagaduuf, maleyikkaan erge ana bira dhaabatee,


Maleyikkan Waaqaa garuu halkaniin balbala mana hidha'aa banee, isaan ni baase,


Nu'u marri keennaa fuula hin haguuggaminiin taanee akka waan daawi'ite'een laalamu'uu titti, ulfinna Goofta'aa ni calaqisiifnna, hafuura keenna'llee ka ta'e bifa Goofta'aa fakkaachu'uuf, ulfinnaa gara ulfinnaa titti ni jijjiiraminna.


«Ifin dukkana keessaan haa ifu!» jedhee ka dubbate, Waaqinni bifa Kristositiin ka ibisu ifa ulfinna Waaqaa beeku'uu akka nuuf kennuuf, ifin isaa onnee teenna keessatti akka ifu taasise.


Dhossaan amantii keennaa shakkii malee ol aana'aa, inni'llee Waaqinni, «Nama ta'ee ni muldhate, dhugaa ta'uun isaa'llee hafuuraan ni beekkame, maleyikkootatti ni muldhate, ummatoota maraaf ni lallabame, namoonni biyya lafaa irra jiran marrinuu itti ni amanan, ulfinnaan gara sami'ii ol ni deebi'e» ka jedhu.


Gochi muldhate haalaan sodaachisaa ta'uu isaa irraa ka ka'een Museenuu, «Ani sodaadhe, ni holladhe'lle'e!» jedhe.


Kanaan duubatti aangoo ka qabu maleyikkaan bira'aa sami'ii yoo bu'u ni arge, ulfinna ifa isaa irraa ka'een arddiin ni ifitte,


Kanaan duubatti teessoo adii ol aana'aa fi teessoo irra ka taa'ee jiru'llee ni arge, arddi'ii fi samiin durana isaatii ni dheessan, bakkeen'llee isaaniif hin argaminne.


ကြှနျုပျတို့နောကျလိုကျပါ:

ကြော်ငြာတွေ


ကြော်ငြာတွေ