Biblia Todo Logo
အွန်လိုင်း သမ္မာကျမ်းစာ

- ကြော်ငြာတွေ -




Gara Worra Filiphisiiyusii 3:8 - Waadaa Haarawa

8 Kana malee'llee Gooftaa kiyya Yesus Kristosiin beeku'uun alatti womaayyuu akka waan hin jirree titti waan amanuuf, waan maraa akka kasaara'aa titti ni lakkaaya, waayee isaatiif'llee waan maraa dhabee jira. Kristosiin argachu'uuf jecha waan maraa akka balffaa manaa haramee titti ni lakkaaya.

အခန်းကိုကြည့်ပါ။ ကော်ပီ

WAADAA LAMMATAA

8 Gooftaa kiyya Yesuus Kiristoosiin beekuun waa mara waan caaluuf ani waa maraa akka waan bu'aa hin qabneetitti laakkayee isaaf jedhee, waa maraan miidhame.

အခန်းကိုကြည့်ပါ။ ကော်ပီ

Kitaaba Woyyuu

8 Gooftaa kiyya Yesuus Kiristoosiin beekuun waa mara waan caaluuf ani waa maraa akka waan bu'aa hin qabneetitti laakkayee, isaaf jedhee waa maraan miidhame.

အခန်းကိုကြည့်ပါ။ ကော်ပီ




Gara Worra Filiphisiiyusii 3:8
53 ပူးပေါင်းရင်းမြစ်များ  

Haati Gooftaa kiyyaa ana laalu'uuf dhufuun isi'ii, anaaf ulfinna ol aanaa attamiiti,


Eegaa ani hafuurota huminna Waaqaatiin ka isaan baasu yoo ta'e, Mootummaan Waaqaa gara keessan dhufuu isi'ii beekaa.»


ani Waaqa Abbaa keessa, isin'llee akkuma ana keessa jirttanitti ani'llee isin keessa akka jiru guyyaa sanitti, ni beekittan.»


Ana uduu beekittanii jiraattaniitii Abbaa kiyya'llee ni beekittan ture, ammaa achitti garuu ni beekittaniin, argitaniinii jirttaniin'lle'e.»


Kana'llee ka raawwatan, Waaqa Abbaa ta'ee ana'llee, waan hin beekiniif.


Jireenni bara baraa'llee si qofa, ati qoftti Waaqa dhuga'aatii fi Yesus Kristosii ergite'llee, beeku'u.


Dubbii naaf kennite isaaniif kennee jira, isaan'llee fudhataniinii jiran, si biraa bayee dhufuu kiyya'llee dhugamaanuu beekanii jiran, akka ati ana ergite'llee amananii jiran.»


Isaan'llee Maariyaamiin, «Dubarttii tana! Maali'iif bootta!?» ni jedhaniin. Isiin'llee, «Gooftaa kiyya fudhatanii jiran, eessa akka kaayaniin'llee hin beeku!» jette.


Toomaas'llee, «Gooftaa kiyyaa fi Waaqa kiyya!» jechu'uun, ni deebiseef.


Wongeelaa kennaa Waaqaa ka bilisaa barsiisuuf Waaqa irraa ka fudhadhe, dirqama barsiisuu yoo raawwadhe, jireenna kiyyaaf gatii hin kennine, lubbuu kiyya'llee garaa ana hin nyaanne.»


Rakkinni ammaa kun ufi durana ulfinna nutti muldhachu'uuf jiruun wol biratti yoo madaalamu, womaanuu wol qixxaayuu akka hin danda'aminnetti, ni laakkayaan.


Ol fageenna ta'ee gad bu'iinssa umaminni kum'llee yoo ta'e Gooftaa keenna Yesus Kristosiin ka arganne, jaalala Waaqaa irra nu fooyu'uuf ka danda'u wonitti tokko'llee akka hin jirre mirkaneeffadhee jira.


Isin woliin yeroo turetti Yesus Kristosiin malee, keessummaanuu fannoo irratti fannifamee du'uu isaatiin alatti, waan bira'aa womaayyuu beekuu dhabu'uuf murtteessee ture.


Waaqinni kana ka jedhe nu'uuf yaadu'uunii mitii ree? qotee bulaan qotu abddi'iin akka qotuuf, ka ayiidu'llee abddi'iin akka ayiiduuf, bifa kanaan marrinuu gayee ufii akka argatu kun ka barreeffame, dhugamaanuu waayee keennaaf.


Biyya lafaa kanatti bulichaa ka ta'e sheexanni onnee namoota hin amannee ni jaamisse, kanaan'llee bifa Waaqaatiin ka muldhate wongeelli Kristosii ka ulfinnaa ifa isaaniif ibisu akka hin arginneef, isaan ni taasise.


«Ifin dukkana keessaan haa ifu!» jedhee ka dubbate, Waaqinni bifa Kristositiin ka ibisu ifa ulfinna Waaqaa beeku'uu akka nuuf kennuuf, ifin isaa onnee teenna keessatti akka ifu taasise.


Ummata Waaqa dhuga'aa titti hin amanne'llee waayee Ilma isaa dubbii gammachu'uu akka dubbadhu Waaqinni Ilma isaa naa ibisu'uuf yeroo jaalatetti, ani eennuun woliin'llee hin mari'anne,


Akkuma kana Ilma Waaqaa beeku'uun gara tokkummaa amanti'iin argamuu geennee, akkuma bifa Kristos muda maleessa guutuu ta'etti, nu'llee nama guutuu akka taanuuf.


Tajaajiltoota Yesus Kristosii ka ta'an, Phaawulosii fi Ximotewosiin irraa, Magaalaa Filiphisiiyusii worra jiraataniif, Yesus Kristosiin qulqullaawota ka ta'an maraaf, akkuma kana worra itti gaafatamittootaatii fi gargaartota woldaya amanti'iitiif,


Sababaan bira'aa Kristosii fi huminna du'aa kaiinssa Kristosii beeku'uuf, qoodamtoota rakkinna isaa ta'uu fi du'aan'llee isa fakkaachu'uuf.


Kana maraa amma'llee hin arganne, yookiin kana maraanuu muda maleessa ta'ee jira jechu'uuf hin danda'u, haa ta'u malee Yesus Kristos ana ka isaa taasisee, kennaa naaf qopheesse argachu'uuf ufi durana fiigu'uun ni hisadha.


Eegaa asiin durana fayyadoota jedhee wonittoota itti amana ture maraa waayee Kristositiif jedhee, akka waan tasa gatii hin qabnnee taasisee isaan ni laakkaya.


Ain garuu kitimaa ta'u'uuf dhiyaadhee jira, biyya lafaa kana irraa fooyamee yeroon itti deemu'llee gayee jira.


Amantii keenna ka jalqaba irraa qabnnu haga muumme'ee titti jabeessinee yoo qabanne, Kristosiin woliin dhaalttota ni taana.


Eegaa isin worra amanttaniif dhagaan kun kabajama'a, ka hin amanneef garuu, «Dhagaan worri kaabdotaa tuffaatanii gatan, dhagaa cabssata mata'aa ni ta'e.»


Kennaa Waaqaa ka bilisaatii fi Gooftaa keenna Yesus Kristosiin beeku'uun, kennaan isaa ka bilisaatii fi nageenni isiniif haa baayi'atu.


Ulfinnaa fi mishummaa isaatiin ka nu waame, isa beekuu keennaan humnniti isaa ka Waaqumma'aatiin jireennaa fi Waaqa Waaqeffachu'uuf waan nu barbaachisu maraa, nuuf kennee jira.


Wonittoota kanniin baayi'innaan uduu qabaattanii, Gooftaa keenna Yesus Kristosiin beeku'uuf ka hin fayyadinne firi dhabeeyyii akka hin taaneef, isin ni eegan.


kana irra Gooftaa keennaatii fi qoricha Yesus Kristosiin kennaa isaa ka bilisaatii fi isa'llee beeku'uun ol ol jedhaa, isaaf amma'llee, baraa baratti'llee ulfinni haa ta'u! Ameen.


Nu'uun woliin tokkummaa akka qabaattaniif ka arginee fi ka dhageenne'llee isinitti'llee ni himnna. Tokkummaan keenna'llee Waaqa Abba'aa fi Ilma isaa Yesus Kristosiin woliin.


Isaan numa jiddu'uu bayan. Haata'u malee isaan durumaanuu gara keennaa hin turre. Gara keennaa uduu ta'anii jiraataniitii, nu'uun woliin'llee jabaatanii ni jiraatan turan. Garuu marrinuu gara gosa keennaatii ta'uu dhabuun isaanii akka beekkamuuf, nu jiddu'uu fooyamanii bayanii jiran.


Ilmi Waaqaa akka dhufee fi Waaqa dhuga'aa'llee akka beekinnuuf, onnee hubattuu akka nuuf kennee ni beekinna, karaa Ilma isaa Yesus Kristositiin, isa Waaqa dhuga'aa woliin tokkummaa ni qabnna. Yesus Kristos Waaqa dhuga'aatii fi jireenna bara baraati.


ကြှနျုပျတို့နောကျလိုကျပါ:

ကြော်ငြာတွေ


ကြော်ငြာတွေ